Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan soorata barattootaa hirmaannaa fi qabxii barattootaarratti gumaacha guddaa taasisaa jira

Fulbaana 11/2019 (ENA)- Sagantaan soorata barattootaa Finfinneetti hojiirra oolaa jiru hirmaannaa fi fooyya’insaa qabxii barattootaarratti gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu biiroon barnootaa magaalaa Finfinnee ibse.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee pirojektoota namarratti xiyyeeffataniin fayyadama jiraattotaa mirkaneessaa kan jiran pirojrktoota hedduu hojjechuun xumureera.

Pirojektoota namarratti xiyyeeffatan keessaa bara 2011 irraa eegalee barattoonni barumsa idileen duraa irraa amma sadarkaa tokkoffaatti jiran guyyaatti ciree fi laaqana akka sooratan taasiseera.

Sagantaa soorata barattootaa kun qabxii barattootaarratti jijjiirama guddaa fiduudhaan maatii barattootaas haara galfachiiseera.

Itti aanaa itti gaafatamaan biiroo barnootaa magaalaa Finfinnee Saamsoon Mallasaa ENA’f akka ibsanitti. Sagantaa soorata barattootaa kun barattoonni barumsarraa akka hin hafne, qalbiidhaan akka baratan gochuudhaan bu’a qabeessummaasaaniirratti fooyya’insi akka dhufu gochaa jira.

Sagantaan kun naamusa barattootaa fi hirmaannaa barattootaarrattis qooda guddaa bahachaa akka jiru obbo Saamsoon dubbataniiru.

Sagantaan kun haadholii barattoota sooran hedduuf carraa hojii uumuusaas dabalanii ibsaniiru.

Sagantichi kan eegalame barattoota kuma 300 sooruun yoo ta’u yeroo ammaa barattoonni miiliyoona ta’an guyyaatti al lama soorata argachaa jiru jedhaniiru.

Bara barnootaa 2019 sagantaa soorataa kana qulqullinaan itti fufsiisuuf deeggarsi, hordoffii fi to’annoon taasifamu caalaa cimee akka itti fufu beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015