Omishaa fi Oomishtummaa Bunaa guddisuun bu’aawwan qabatamaa argaman - ENA Afaan Oromoo
Omishaa fi Oomishtummaa Bunaa guddisuun bu’aawwan qabatamaa argaman
Fulbaana 11/2019 (ENA): Tarkaanfiileen jijjiiramaa damee bunaan hojiirra oolan omishaa fi oomishtummaa bunaa guddisuun bu’aa qabatamaan akka galmaa’an dandeesisuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa ibseera.
Adeemsa gabaa bunaa gababsuu fi hojiileen qulqullina irratti hojjetaman galii buna irraa argamu akka dabalaluuf bu’uura kaa’uusaa Abbaan Taayitichaa hubachiiseera.
Daarektarri Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa Dr. Addunyaa Dabalaa, ENA waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti Itoophiyaan damee bunaan tooftaawwan haarawaan hojii hojjetteen bu’aa qabatamaa galmeesisaa jiraachuu ibsaniiru.
Fakkeenyaaf, bara bajataa 2018 xumurame keessatti doolaara biliyoona 3 argachuuf karoorfamee, doolaarri biliyoona 3.13 argamuusaa fi kunis karoora ol ta'uusaa daarektarri olaanaan kun ibsaniiru.
Bunni sadarkaan isaanii gadi aanaa ta'an sirna gabaa irraa akka ba'an taasifamuusaa ibsuun, Buna Koomershaalaa gara Buna Ispeeshaaliitti akka ol guddatu taasisuun gabaa addunyaa irratti dorgomaa ta'anii turuun akka danda'ame dubbataniiru.
Qonnaan bulaan kallattiin buna gara alaatti akka erganiif hojmaanni jajjabeessu diriiruusaa ibsuun, kanneen kallattiin gara alaatti erguu hin dandeenye immoo Al-ergitootaaf qindeessuun haalli itti dhiheessuu danda'an mijachuusaa eeraniiru.
Kunis adeemsa gabaa gabaabsuu akka dandeessise eeranii, adeemsa kanaan oomisha qisaasa'u hir'isuun bu'aan argamuusaa dubbataniiru.
Galiin Buna irraa argamu sharafa alaa dabaluu irratti shoora gaarii gumachaa jiraachuusaa dubbataniiru.
Akkasumas sagantaan 'Ashaaraa Magariisaan ' omishaa fi oomishtummaa bunaa guddisuu irratti shoora guddaa gumachaa akka jiru ibsaniiru.
Waggaa shan dura waggaatti bunni oomishamu toonii kuma 500 akka hin caalle kan ibsan, Dr. Addunyaan bara bajataa xumurame keessa bunni meetriktoonii miiliyoona 1tuqaa 5 oomishamuusaa eeraniiru.
Bara bajataa 2019 oomisha bunaa gara alaatti ergamu irraa galii doolaara biliyoona 4 tuqaa 1 argachuuf karoorfamuusaa ibsaniiru.
Karoora kana milkeessuufis qophiin barbaachisu taasifamee gara hojiitti galamuusaa daarektarri olaanaan kun ibsanii, dhimmi bakka gahumsa gabaa babal’isuu xiyyeeffannoo addaatiin irratti hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Yeroo ammaa kana biyyoonni 66 ta'an Buna Itoophiyaa fudhachaa jiraachuu isaanii eeranii , Imbaasiiwwan fi qoonsilaawwan Itoophiyaa biyyoota adda addaa keessatti argaman Buna Itoophiyaa beeksisuu irratti hojii jajjabeessaa hojjechaa akka jiran dubbataniiru.