Tamsaasa Kallatti:

Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa televizhinii Tigraayi dhorke

Fulbaana 11/2019 (ENA)- Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa televizhinii Tigraayi (Tigray TV) yeroo hin murtoofneef dhorkuusaa beeksise.

Akkaataa walii galtee nageenyaa Piriitooriyaa mootummaa FDRI fi ABUT jidduutti raawwatameen, abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayi waliin marii taasisee walii galteerra gahamuusaatiin dhorkaan Kanaan dura Televizhinii Tigraayi irratti taasifame irraa ka’ee hojiitti deebi’uusaa ibsa Kanaan yaadachiiseera.

Kana malees abbaan taayitichaa gaazexessitootaa fi ogeessota Televizhinii Tigraayiif leenjiiwwan ijaarsa nageenyaa fi ga’umsa dandeettii kennuun miidiyaan kun gara toora heera mootummaa fi ogummaatti akka deebi’u carraaqqii guddaa taasisaa turuusaa ibseera.

Haa ta’u malee Televizhiniin Tigraayi carraa kennameefitti fayyadamee naamusa ogummaa eegee tajaajila kennuun kan irraa eegamu ta’us yeroo dhihoo asitti ergaawwan nageenya biyyaa fi ummataa akkasumas faayidaa biyyaalessaa balaarra buusan, waliti bu’insatti oofanii fi finxaalessummaa jajjabeessan walitti aansuun dabarsuurra akka jiru qorannoon hordoffii qabiyyee miidiyaa abbaa taayitichaa akka agarsiisu eerameera.

Haala Kanaan abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa akkaataa itti gaafatama seeraan kennameefiin har’aa eegalee Televizhinii Tigraayirratti yeroo hin murtoofneef dhorkaa taasisuusaa ibseera.

Miidiyaan dijitaalaa, biroodkaastii fi maxxansaa kamiyyuu Televizhinii Tigraayi madda godhatee itti fayyadamuu ykn qabiyyeewwan seeraan alaa buufanni Televizhinii kun tamsaasu tamsaasuun ykn dhageessisuun kan dhorkame ta’uu hubachiiseera.

Miidiyaa qajeelfama kana darbee argame kamiyyuu abbaan taayitichaa tarkaanfii seeraa fi bulchiinsaa akka irratti fudhatu cimsee hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015