Tamsaasa Kallatti:

Godina Shawaa Lixaa maneen barnootaa kuma 1 fi 950 keessatti sagantaan soorata barattootaa ni gaggeeffama

Fulbaana 11/2019 (ENA)- Bara bajataa kana godina Shawaa Lixaa maneen barnootaa kuma 1 fi 950 keessatti sagantaan soorata barattootaa akka gaggeeffamu waajjirri barnootaa godinichaa beeksise.

Itti aanaan itti gaafatamaa waajjira barnootaa godinichaa obbo Tashoomaa Faanaa ENA’f akka ibsanitti, bara bajataa kana sagantaa soorata barattootaa milkeessuuf qophiin taasifameera.

Manneen barnootaa idileen duraa dabalatee maneen barnoota sadarkaa tokkoffaa aanaalee godinichaa 23 kuma 1 fi 950 keessatti sagantaa soorata barattootaa gaggeessuuf qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Sagantaan soorata barattootaa qulqullina barnootaa eegsisuun alatti, dhaloota egeree fi ga’oome horachuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu dabalanii ibsaniiru.

Barattoonni kuma 561 fi 247 sagantaa soorata barattootaa bara kanaa akka fayyadaman dubbataniiru.

Itti Gaafatamaan waajjira barnootaa aanaa Tokkee Kuttaayee obbo Taarikuu humneessaa gamasaaniin, sagantaan soorataa kun qabxi barattootaa fooyyessuu fi fedhii barumsaaf qaban akka dabaluuf gumaacha taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Barattoota kuma 14 fi 518 manneen barnootaa idileen duraa fi sadarkaa tokkoffaa aanicha keessatti argaman 106 keessatti sagantaa soorataa gaggeessuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.

Sagantaa kana aanicha keessatti raawwachiisuuf birria miiliyoona 11 ol akka barbaachisu eeranii, sagantaa soorataa kana guutummaan gaggeessuuf qooda fudhattoota dhimmi ilaalu wajjin qindaa’uun qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015