Misoomni kooriidaraa magaalaa Harar aadaa dubbisuu gabbisuuf gumaacha taasisaa jira – dargaggoota - ENA Afaan Oromoo
Misoomni kooriidaraa magaalaa Harar aadaa dubbisuu gabbisuuf gumaacha taasisaa jira – dargaggoota
Fulbaana 11/2019 (ENA) - Misoomni kooriidaraa magaalaa Harar bakkeewwan bashannanaa magariisaa dhugoomsuurra darbee aadaa dubbisuu gabbisuuf gumaacha taasisaa jiraachuu dargaggoonni magaalattii dubbatan.
Bakkeewwan misooma kooriidaraa fi magariisaa magaalaa Hararitti ijaaraman miidhagina magaalattii dabaluun alatti akkasumas jiraattotaa fi daawwattootaaf mijeessuun alatti, dargaggootaaf bakka bashannanaa ta’uun tajaajilaa jiru.
Bakkeewwan misooma kooriidaraa kunneen bakka bashannanaarra darbee wiirtuu beekumsaa ta’anii tajaajilaa jiraachuu dargaggoonni ni dubbatu.
Jiraattonni magaalichaa ENA’f yaada kennan akka ibsanitti, misoomni kooriidaraa magaalaa Harar bakkeewwan bashannanaa magariisaa dhugoomsuun gamatti aadaa dubbisaa guddisuuf gumaacha taasisaa jira.
Dargaggoota magaalichaa yaada kennan keessaa dargaggoo Iyyoob Abbabaa akka ibsetti, Kanaan dura bakki dargaggoonni itti bashannanan waan hin jirreef bakka hin maletti yeroo dabarsaa akka ture ibseera.
Misoomni kooriidaraa mootummaan ida’amuu dhugoomse dargaggootaaf bakka bashannanaa fi carraa hojii uumuun gamatti bakka kitaabni itti dubbifamu waan ta’eef beekumsa akka argatu isa gargaaraa akka jiru dubbateera.
Shamarree Ye’aabsiraa Dassaalenyi yaada kenniteen, misoomni kun magaalattii miidhagsuurra darbee dubbisuu fi beekumsa argachuuf bakka mijataa uumuudhaan gumaacha taasisaa jira.
Bakkeewwan kooriidaraa fi magariisaa magaalattiitti tajaajila olaanaa kennaa jiran kana dargaggoota biroo waliin ta’uun kunuunsa gochaa jiran cimsanii akka itti fufan dubbatteetti.
Yunivarsiitii Jigjigaatti barattuun Gaazexeessummaa wagga 4ffaa barattuu Iddilaawiit Baqqalaa, misoomni kooriidaraa magaalattii miidhagsuurra darbee aadaan dubbisuu akka dagaagu gumaachaa jiraachuu ibsiteetti.
Viidiyoo miidiyaa hawaasummaarratti feetu waraabuuf salphaatti bakka miidhagaa akka argattu ishee taasisaa waan jiruuf itti gammaduushee dubbatteetti.
Dargaggoo Naahoom Geetaachoo yaada kenneen, bakkeewwan bashannanaa fi magariisaa ijaaraman aadaa dubbisuu fi yaaduu guddisuun gamatti dandeettii kalaqaa fi hirmaannaa hawaasaa cimsuuf gumaacha olaanaa qaba jedheera.
Hojii gaggeessaan mana qopheessaa magaalaa Harar obbo Kaaliid Abdii gamasaaniin, misoomni kooriidaraa kun magaalattii miidhagduu, hawattuu fi jiraattotaaf akkasumas daawwattootaaf akka mijattu gochuusaa dubbataniiru.
Keessumaa carraa hojii uumuun gamatti keessumaa dargaggootaaf wiirtuu bashannanaa, bakka kitaaba itti dubbisan, kalaqaa fi beekumsaa ta’uun dargaggoonni bakka hin malle akka hin oole gargaaraa akka jiran eeraniiru.