Imaammanni Fayyaa Mootummaan Ida'amuu hojiirra oolche bu'aa qabatamaa galmeessisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Imaammanni Fayyaa Mootummaan Ida'amuu hojiirra oolche bu'aa qabatamaa galmeessisaa jira
Fulbaana 11/2019(ENA): Lammiilee fayyaqabeessa omishtummaa bu'a qabeessaaf imaammanni Fayyaa Mootummaan Ida'amuu hojiirra oolche bu'aa qabatamaa galmeessisaa jira.
Mootummaan Ida'amuu waggootan 8 darban keessatti xiyyaaffannoo kennee hojjechaa jiru keessaa tokko damee fayyaati.
Gama Fayyaatiin hojiilee itti fayyadamummaa lammiilee mirkaneessa hedduun hojjetamaniiru. Gama bu'uuraalee misoomaa damee fayyaa bababl'isuu,hospitaalota ijaaruun,buufataalee fayyaa,keellaa fayyaa naannoo hawaasni dhiyootti argatutti ijaaruun bu'aan olaanaan galmaa'aniiru.