Atileetikoo Maadiriid Riyaal Maadiriidiin injifate - ENA Afaan Oromoo
Atileetikoo Maadiriid Riyaal Maadiriidiin injifate
Fulbaana 11/2019(ENA): Tapha Laaliigaa Ispeen Maadiriid darbii Atileetikoo Maadiriid Riyaal Maadiriidiin 2 fi 1'n injifate.
Taphichaan goolii injifannoof isaan geessifte kan lakkoofsisan Aleeksi Giriimaaldoo fi Joonaataan Deeviid yoo ta'an, Riyaal Maadiriidiif galchii tokko kan lakkoofsise immoo Antooniyoo Ruudiigar dha.
Yeroo ammaa kanatti sadarkaa Laaliichaan Atileetikoo Maadiriid qabxii 16'n sadarkaa 2ffaa yoo qabatu, Riyaal Maadiriud immoo qabxii 15'n sadarkaa 3ffaa qabateera.
Liigichaan taphoota walitti aanan 7 injifachuun Baarseeloonaan qabxii 21'n dursaa jira.
See less