Ayyaanni bara haaraa saba Booroo Shinaashaa ‘’ Gaarii Wooroo’’ kabajamaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni bara haaraa saba Booroo Shinaashaa ‘’ Gaarii Wooroo’’ kabajamaa jira.
Fulbaana 10/2019 (ENA): Ayyaanni bara haaraa saba Booroo Shinaashaa ‘’ Gaarii Wooroo’’ kabajamaa jira. Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa ’Gaarii Shaaroo tokkummaa fi misooma aadaaf’ jedhuun magaalaa Finfinneetti kabajamaa jira.
Sagantaa kana irratti Af-yaa’iin Mana Maree Naannoo Beenishaangul Gumuz, Aadde Askaalech Albooroo, Af-yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alkadir, Ajajaa Ol’aanaa Poolisii Finfinnee, Letenaanti Jeneraal Asraat Deeneeroo, bakka bu’aan Ministeera Aadaa fi Ispoortii Federaalaa, Gargaaraa Piroofeesaraa Kaffaaloo Abdiisaa fi miseensonni dhalattoota sabichaa fi keessummoonni argamuun kabajameera.
Af-yaa’iin Mana Maree Naannoo Beenishaangul Gumuz Aadde Askaalech Albooroon Gaarii Wooroon ayyaana dhiifamaa, jaalalaa, nagaa fi abdii ta’uu ibsaniiru.
Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links