Tamsaasa Kallatti:

Hambaalee Biyyarraa saamaman deebifachuuf tattaaffii dippilomaasii cimaa taasifameen bu’aan qabatamaa galmaa’eera

Fulbaana 10 /2019 (ENA): Hambaalee Biyyarraa saamaman deebifachuuf tattaaffii dippilomaasii cimaa taasifameen bu’aan qabatamaa galmaa’uu qorataa fi miseensa koree hambaalee Itiyoophiyaa deebisuu kan ta’an Dr. Aluulaa Pankiransti ibsani.

Itiyoophiyaan meeshaalee hambaa durii kanaan dura sababa waraanaa, saamichaa, fi sababoota adda addaatiin kan fudhatame tattaaffii dippilomaasii cimaan akka deefifamu taasisuun bu’aa qabatamaa galmeessisaa jirti.

Kunis ta’uu kan danda’e mootummaan ida’amuu xiyyeeffannoo guddaa itti kennuun bu’aa qabatamaa fi jajjabeessaan gal’aameera.

Haala kanaan waggoota torban darban qofa keessatti meeshaaleenhambaa durii hedduun carraaqqii dippilomaasiitiin gara biyyaatti deebifamaniiru.

Qorataan fi miseensi koree hambaalee Itiyoophiyaa deebisanii dhaabuu Dr. Aluulaa Pankiharisti turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, meeshaaleen hambaa durii seeraan ala humnaan fi saamichaan fudhataman yeroo hunda abbootii qabeenyaa seenaa isaaniif deebifamuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.

Itiyoophiyaan waggoota darban keessa meeshaalee yeroo adda addaatti seeraan ala irraa fudhataman deebifachuuf bifa qindoominaan hojjechaa akka turtes ibsaniiru.

Keessumattuu meeshaaleen keenya gabaa biyya alaa fi caalbaasii adda addaatti gurgurtaaf yeroo dhiyaatan mormii seeraa fi dippilomaasii cimaa dhiyeessuun caalbaasicha guutummaatti haquun akka danda’ame dubbataniiru.

Caalbaasiin erga haqamee booda mootummaa fi qooda fudhattoonni gatii gadi aanaa fi madaalawaa irratti mari’achuun meeshaalee seenaa hedduu baraaruu akka danda’anis hubachiisaniiru.


 

Yeroo ammaa Macaafa Qulqulluu mootii Tewoodiroos kan Maqdalaa irratti saamame dhaabbata Oostiriyaatiin Abu Daabiitti gurgurtaaf dhiyaate kana mootummaan tattaaffii dippilomaasiin akka deebifamuuf yaalii taasisaa jira jedhani.

Akkasumas tooftaa bu’a qabeessa ta’e kan biraan kallattiin muuziyeemota idil-addunyaa waliin mari’achuun meeshaalee hambaa durii deebisiisuu akka ta’e ibsaniiru.

Golambaan Aartii Toleedoo Ameerikaatti argamu meeshaalee hambaa Itiyoophiyaa tilmaamaan 380 ta’an namoota dhuunfaarraa bituun kan kuuse mootummaan Itiyoophiyaa suuta suutaan deebisiisuuf waliigalteerra ga’uusaa akeekaniiru.


 

Yeroo dhiyootti Biraannaa jaarraa 15ffaa lamaa fi fannoo sadii akka deebisan, meeshaalee hafan waggoota 5 hanga 10 itti aanan keessatti suuta suutaan deebisuuf fedhii akka qaban himaniiru.

Akkasumas waggoota darban keessatti mootummaan meeshaalee hambaa durii deebisiisuu irratti kutannoon dippilomaasii taasise kan galateeffamu ta’uu hubachiisaniiru.

Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015