Taphoota har’aa Maanchistar Siitiin Saandarlaandii waliin, Fuulhaam Maanchistar Yunaayitid waliin fi Boornemaawuz Liivarpuul Waliin taasisan haalan eegama - ENA Afaan Oromoo
Taphoota har’aa Maanchistar Siitiin Saandarlaandii waliin, Fuulhaam Maanchistar Yunaayitid waliin fi Boornemaawuz Liivarpuul Waliin taasisan haalan eegama
Fulbaana 10/2019 (ENA): Piriimiyerliigiin Ingiliiz torbee shanaffaan har'a xumurama. Pireemeerliigichaan Har'a taphoonni afur ni gaggeeffamu.
Maanchistar Siitiin sa'aatii waaree booda sa’aatii 11:00 irratti istaadiyeemii Itihaaditti Saandarlaandiin ni keessummeessa.
Siitiin taphoota afran darban liigichaan injifachuun qabxii 12’n sadarkaa tokkoffaa irra jira.
Saandarlaandiin qabxii afuriin sadarkaa 14ffaa irra jirta. Gareen kun taphoota lamaan darban irratti injifannoo hin arganne.
Maanchistar Siitiin yoo injifate qaawwa Arsenaal waliin qaban gara qabxii sadiitti guddisa.
Arsenaal kaleessa Biraayitan irratti 3 fi 0’n mo'ame.
Saandarlaandiin gara daandii injifannootti deebi'uuf garee qe'ee isaanii qormaata keessa galchuuf ni ilaala.
Fuulhaam galgala sa'aatii 12:30tti Maanchistar Yunaayitid ‘Craven Cottage’ irratti keessummeessa.
Abbaan dirree Fuulhaam sadarkaa 20ffaa irraa qabxii tokkoon fagaatee jira.
Maanchistar Yunaayitid gama isaan taphoota lamaan darban injifachuu dadhabuun qabxii afuriin sadarkaa 13ffaa irra jira.
Tapha birootiin Boornemaawuz har’a waaree booda sa'aatii 10tti Istaadiyeemii ‘Vitaalitii’ irratti Liivarpuul keessummeessa.
Boornemaawuz qabxii sadiin sadarkaa 16ffaa irratti argama. Liivarpuul qabxii 6’n sadarkaa 10ffaa irra jira.
Liidsi Yunaayitid waaree booda sa'aatii 10tti Istaadiyeemii Laandi Rood irratti Kiristaal Paalaas waliin taphata.
Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links