Tamsaasa Kallatti:

Ijipti ilaalcha “Lagni Abbayyaa keenya qofa” jedhu dhiisuu qabdi – Obbo Geetaachoo Raddaa

Fulbaana 10/2019(ENA): Ijipti qabeenya bishaanii bal’aa qabaattus, bulchiinsaafi itti fayyadama bishaanii keessatti hanqina guddaa akka qabdu Ministirri Gorsaa Dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee Obbo Geetaachoo Raddaa himani.


 

Obbo Geetaachoon turtii POA “Pulse of Africa” waliin taasisaniin, ilaalcha duubatti hafaa Abbayyaan kiyya qofa jedhu hordofaa akka jirtu dubbatan.

Ilaalchi kunis haqa irratti kan hin hundaa’in ta’uu himuun, ejjennoon akkasii fudhatama akka hin qabnes kaasaniiru.

Ijipti addunyaarratti biyyoota bulchiinsa bishaanii keessatti rakkoo qaban keessaa tokko ta’uu kan kaasan Obbo Geetaachoon, qabeenya bishaanii karaa bu’a qabeessa ta’een fayyadamuurra, qisaasama bishaanii guddaa akka raawwattus himaniiru.


 

Ijipti bishaanitti sirnaan fayyadamuu caalaa Itoophiyaa madda Laga Abbayyaa taateefi Sudaan dandeettii jallisii olaanaa qabdu gidduutti hokkora kaasuun nagaafi tumsi biyyoota lamaanii akka hin cimne dhiibbaa uumaa akka turteefi itti jirtus hubachiisaniiru.

Keessattu rakkoo nageenyaa Sudaan keessatti yeroo ammaa mul’achaa jiruuf Ijipti harka keessa qabaachuun waan nama dhibu akka ta’es dubbataniiru.

Ijipti ilaalcha duriifi adeemsa yeroon isaa darbe dhiisuun dhugaafi haala qabatamaa naannawichaa waliin walsimsiisuun akkaataa waloon bishaan laga Abbayyaa itti fayyadamuun danda’amurratti xiyyeeffachuu akka qabduus Obbo Geetaachoon hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015