Fiigicha shaampiyoonaa idil addunyaa daandiirraa isa xumuraa atileetonni Itiyoophiyaa meedaaliyaa argatu jedhamee eegamu har'a gaggeeffama - ENA Afaan Oromoo
Fiigicha shaampiyoonaa idil addunyaa daandiirraa isa xumuraa atileetonni Itiyoophiyaa meedaaliyaa argatu jedhamee eegamu har'a gaggeeffama
Fulbaana 10/2019 (ENA): Fiigicha shaampiyoonaa idil addunyaa daandiirraa isa xumuraa atileetonni Itiyoophiyaa meedaaliyaa aragatu jedhamee eegamu har'a gaggeeffama.
Shaampiyoonaan Daandii Atileetiksii Addunyaa 2ffaan har’a xumurama.
Guyyaa xumuraa shaampiyoonaa kanaatti dorgommiin xumuraa lama ni gaggeeffama. Dorgommiin xumuraa walakkaa maaraatoonii dubartootaa sa’aatii 4:10 irratti ni gaggeeffama.
Massalech Alamaayyoo, Tsigge Gabrasalaamaa, Zamam Barakiinaa fi Fitaaw Zaraayi atileetota Itiyoophiyaa bakka bu'anii hirmaatanidha.
Dorgommiin xumuraa walakkaa maaraatoonii dhiiraa ganama sa’aatii 10:45 irratti ni gaggeeffama.
Dorgommii kanarratti Balaay Xilahuun, Barakat Naggaa, Bayyellinyi Tashaagar fi Taaddasaa Warquu ni hirmaatu.
Itiyoophiyaan kaleessa guyyaa baniinsa shaampiyoonaa kanaan meedaaliyaa warqee tokkoo fi meetii tokko injifatteetti.
Shaampiyoonaa Daandii irraa Atileetiksii Addunyaa 2ffaan har'a xumurama.