Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanni jijjiirraa baraa Walaayittaa ‘Giifaataan’ kabajamaa jira

Fulbaana 10/2019(ENA) : Ayyaanni jijjiirraa baraa saba Walaayittaa ‘Giifaataan’ magaalaa Walaayittaa Sooddootti kabajamaa jira.

Ayyaanichi mata duree “ Hambaa dhalootaa haa eegnu; Giifaataa itti haa fufsiisnu” jedhuun kabajamaa jira.


 

Ayyaanni Gifaataan’ Muddee 2018 hambaa idil addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa ‘UNESCO’tti kan galmaa’e yoo ta’u, erga galmaa’ee yeroo jalqabaaf haala ho’aa ta’een kabajamaa jira.

Ayyaana kana irratti piresidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa obbo Xilahuun Kabbadaa, akkasumas hoggantoonni hojii mootummaa federaalaa, naannoo, godinaalee, bulchiinsa magaalaa fi aanaalee, maanguddoonni, abbootiin amantaa, bakka bu’oonni affeeramanii Itiyoophiyaa hunda irraa fi jiraattonni naannichaa hirmaachaa jiru.


 

Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015