Tamsaasa Kallatti:

Gibxi qabeenya bishaanii guddaa osoo qabduu sirni bishaan ittiin bulchitu dadhabaadha-Obbo Geetaachoo Raddaa

Fulbaana 9/2019 (ENA)- Gibxi qabeenya bishaanii guddaa osoo qabduu sirni bishaan ittiin bulchitu dadhabaa ta’uusaa ministirri gorsaa dhimmoota Afriikaa bahaa ministira muummee Obbo Geetaachoo Raddaa ibsan.

Obbo Geetaachoo Raddaa turtii POA waliin taasisaniin, Gibxi laga Abbayyaa kan dhuunfaashee gootee ilaaluudhaan adeemsa boodatti hafaa hordofaa akka jirtu dubbataniiru.

Ejjennoon Gibxi madda laga Abbayyaa isa dhugaa dabalatee adeemsa tuffii haqa ganu ta’uu eeranii, kun ammoo gonkumaa fudhatama hin qabu jedhaniiru.

Gibxi faallaa saayinsii dhaabbachuun itti fayyadama Abbayyaa ilaalchisee adeemsi dogoggoraa deemaa jirtu Gibxoonni miirri abbummaa dogoggoraan “mirgoota seenaa” jedhu akka itti dhaga’amu godheera jedhaniiru.

Yaadni “mirga seenaa” jedhu ilaalcha sassattuu qaamni bishaan Abbayyaa dursee fayyadamuu eegale bara baraan to’achuu qaba jedhurraa kan dhufe ta’uu dubbataniiru.

Yaad-rimeen “nageenya bishaanii” jedhu kan Gibxi waltajjiiwwan idil addunyaarratti kaaftu fedhii olaantummaa qaama tokkoo kan yeroon itti darbe ta’uu obbo Geetaachoon dubbataniiru.

Kun bu’aa siyaasaa argachuuf osoo beekamuu kan uumame seenessa dogoggorsaa akka ta’es dubbataniiru.

Gibxi biyyoota addunyaa bulchiinsa bishaanii dadhabaa ta’e qaban keessaa ishee tokkodha kan jedhan obbo Geetaachoon, Pirojektoonni akka Tushkaa bishaan guddaa gaafatan kanneen gammoojjii keessatti argaman fakkeenya itti fayyadama qisaasaati jedhaniiru.

Hurki bishaanii Gibxi hidha Aswaanitti waggaatti mudatu, baay’ina bishaanii kuusaalee bishaanii Itiyoophiyaa keessatti argamu baay’ee akka caalu dubbataniiru.

Gibxi madda bishaan Abbayyaa kan taate Itiyoophiyaa fi lafa jallisiif oolu bal’aa kan qabdu Sudaan jidduutti nagana akka hin jiraanne hojjechaa turuunshee rakkoon Sudaan keessa jiru bishaan Abbayyaa akka hin fayyadamne gochuuf tarsiimoo gaggeessitudha jedhaniiru.

Karaan tokkichi Gibxi qabdu adeemsa yeroon itti darbe dhiisuudhaan haqa mul’ataa waliin araaramuu akka ta’e dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015