Dursaan liigichaa Arsanaal Biraayitan waliin ni taphata - ENA Afaan Oromoo
Dursaan liigichaa Arsanaal Biraayitan waliin ni taphata
Fulbaana 9/2019 (ENA) – Torban shanaffaa oolmaa guyyaa lammaffaa piriimar liigii Ingiliziin taphoonni shan ni gaggeeffamu.
Waaree booda sa’aatii 11tti Braayitanii fi Arsanaal Istaadiyeemii Ameeksitti ni taphatu.
biraayitan qabxii shaniin sadarkaa jahaffaarratti argama.
Shaamiyoonaan liigichaa kan ammaa Arsanaal qabxii 12’n liigicha dursaa jira.
Sagantaa turban afraffaatiin Biraayitan dirreesaan alatti reefu kan guddate Kovantarii Siitii 5 fi 0’n mo’uunsaa ni yaadatama.
Arsanaal tapha liigichaa afur taphate mo’achuun jalqabbii gaariirra jira.
Arsanaal tapha kana yoo mo’ate garaagarummaa qabxii hordofaa Manchistar Siitii gara sadiitti guddifata.
Sagantaa biraatiin Totanihaam Hotisparsi Astonviilaa waliin ni taphatu.
Totaniham Hotisparsi qabxii lamaan 17ffaa, Astonviilaan qabxii tokkoon sadarkaa gadi bu’aa 19ffaarratti argamu.
Evertan Epsiwiich taawun akkasumas Niwukaastil Yunaayitid Hul Siitii waliin yeroo wal fakkaataa waaree booda sa’aatii 11tti ni taphatu.
Notiingihaam Foresti Kovantarii Siitii waliin galgala sa’aatii 1:30tti Istaadiyeemii Siitii Giraawunditti ni taphatu.
Miidiyaa dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
See less