ENA fi Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa Waliin Hojjechuuf Waliigaltee Mallatteessan - ENA Afaan Oromoo
ENA fi Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa Waliin Hojjechuuf Waliigaltee Mallatteessan
Fulbaana 9/2019 (ENA): ENA fi Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa hawwata Turizimii naannichaa waliin ta’uun beeksisuuf waliigaltee walii mallatteessan.
Waliigaltee kanas itti aanaa hoji gaggeessaa ENA obbo Fitsumisheet Shimallis fi Komishinarri Komishinii Tuurizimii Oromiyaa Lalisee Dhugaan mallatteessaniiru.
Itti aanaan hoji gaggeessaa olaanaa, qabeenya turizimii Itoophiyaa hedduu addunyaaf beeksisuun barbaachisaa ta’uu eeruun; Sirna Gadaa akka fakkeenyaatti kaasuun Afrikaa fi hawaasa addunyaatiif barnoota dimokiraasii fi bulchiinsa hedduu kennuu akka danda’u ibsaniiru.
Ergamni ijoo ENA waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi suuraa gaarii biyyattii sadarkaa idil-addunyaatti guddisuu akka ta’e ibsuun, kana karaa miidiyaa "Pulse of Africa" jedhuun Afrikaanotaa fi hawaasa addunyaaf akka beeksisan dubbataniiru.
Akkasumas hojiiwwan Komishinii Tuurizimii Oromiyaa Afaan Ingiliffaa, Arabaa fi afaanota idil-addunyaa birootiin addunyaatti beeksisuuf waliin hojjechuuf walii galuu ibsaniiru.
Komishinar Lalisee Dhugaan gama isaaniin miidiyaa guddaa fi seena qabeessa ta'e ENA waliin hojjechuun bu'aa olaanaa qabaachuu ibsaniiru.