Komoroos walta’insa Itoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedha guddaa qabdi - ENA Afaan Oromoo
Komoroos walta’insa Itoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedha guddaa qabdi
Fulbaana 9/2019 (ENA) Komoroos walta’insa Itoophiyaa waliin qabdu haala fayyadamummaa waliinii mirkaneessuu danda'uun cimsuuf kutannoo qabaachuushee Ambaasaaddar Yusuuf Mondohaa Asumaanii ibsan.
Hariiroon biyyoota lamaan gidduu jiru yeroo gara yerootti cimaa dhufuusaa Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Komoroos fi Ergamaa dhaabbataa Gamtaa Afrikaa Yusuuf Mondohaa Asumaanii turtii ENA waliin taasisaniin dubbataniiru.
Biyyoonni lamaan komishinii waliinii hundessuuf waliigalteerra ga’uu isaanii eeranii, komishiniin kunis wal-ta'insa kana caalaatti cimsuuf kan gargaaru ta'uu ibsaniiru.
Wal-ta'insa dinagdee cimsuun xiyyeeffannoo jalqabaa biyyoota lamaanii ta'uu isaas kaasaniiru.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa babal’ina daldalaa fi hariiroo ummataa biyyoota lamaan gidduu jiru cimsuuf taasisaa jiru ol'aanaa ta'uu isaa dubbataniiru.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balallii gara komoroositti taasisuu erga eegalee waggaa 10ffaa isaa waliin kabajuuf qophii ta'aasiisaa jiraachuu eeraniiru.
Damee sivil Aviyeeshiniin to'attoota imala qilleensaaf leenjiin yeroo dheeraa kennamaa jiru dandeettii biyyaalessaa Komoroos guddisaa akka jiru dubbataniiru.
Hawaasni daldalaa Komoroos dhaabbata daldalaa Itoophiyaa waliin hariiroo daldala biyyoota lamaaniin caalaatti cimsuuf gama mana maree daldalaan carraawwan akka jiranis Ambaasaadarichi ibsaniiru.
Tumsa nageenyaa cimsuuf Jilli hoggantoota ol'aanoo poolisii Komoroos Itoophiyaa daawwachuusaanii yaadachiisanii, jilichi yakka qindaa’aa fi daddabarsa qoricha sammuu hadoochu ittisuu irratti muuxannoo Itoophiyaan qabdu fudhachuu isaa eeraniiru.
Misooni Annisaa Itoophiyaa misooma Afrikaa fi dhiheesii elekitrikaa Riijinichaaf qooda murteessaa bahaa akka jiru dubbataniiru.
Adeemsa marii biyyaalessaa Itoophiyaa kan dinqisiifatan Ambaasaadarichi, nagaa fi tasgabbiin guddina Afrikaatiif qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Komoroos tapha Garba Hindiiratti taphattu dabalatee damee tajaajilaan Turizimii fi taateewwan Ispoortii irratti muuxannoo Itoophiyaa irraa fudhachuuf fedha akka qabdu dubbataniiru.
Walumaagalatti Komoroos tumsa Itoophiyaa waliin qabdu fayyadamummaa waliinii irratti hundaa'uun cimsuuf fedha akka qabdu Ambaasaadarichi ibsaniiru.
Komoroos bara 2011 A.L.A Imbaasiishee Finfinneetti erga bantee hariirooshee guddachaa, tumsa damee garagaraa caalaatti cimsuuf haala mijataa uumee jira.