Tamsaasa Kallatti:

Dhiibbaa sababa jijjiirama haala qilleensaa idil addunyaan dhufuu danda’u qolachuuf qophiin taasifameera

Fulbaana 9/2019 (ENA)- Dhiibbaa sababa jijjiirama haala qilleensaa idil addunyaan dhufuu danda’u qolachuuf qophiin taasifamuusaa komishiniin hooggansa hojii soda balaa Itiyoophiyaa beeksise.

Elniinoon sadarkaa idil addunyaatti ho’i akka dabaluu fi haalli qilleensaa akka jijiiramu akka taasisu dhaabbanni mitiyoorooloojii addunyaa beeksiseera.

Mudannoon kun Afriikaa bahaa fi Itiyoophiyaa bakkeewwan tokko tokkotti hongee guddaa, bakkeewwan birootti ammoo lolaa guddaa uumuu akka danda’u odeeffannoowwan garagaraa ni mul’isu.

Itti aanaan komishinara komishinii hooggansa hojii soda balaa Itiyoophiyaa obbo Ayidrus Hasan ENA’f akka ibsanitti, Elniinoon kanaan dura wagga kudhanii fi shan keessatti irra deddeebi’ee mudateera.

Balaa Elniinoo Kanaan dura Afriikaa bahaa keessatti mudaterraa wanti hedduun baratamuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan inistiitiyuutii idil addunyaaa fi Itiyoophiyaarraa argaman akka hubachiisanitti, bara 2018/19 Elniinoon haaraan akka mudatu ni eegama.

Kanarraa ka’uun komishinichi dhiibbaa kana hir’isuuf hojiiwwan haal duree walii galaa bal’inaan hojjechaa jira jedhaniiru.

Dhaabbatichi rakkoo yeroof mudatu furuu qofa osoo hin ta’iin, rakkoolee fulla’aa furuuf dandeettiisaa guddifachaa akka jiru beeksisaniiru.

Sadarkaa biyyaatti ammi Elniinoof saaxilamuun ammam akka ta’e adda baasuuuf, hir’isuu fi damdamachuu dandeessisu tarsiimoo qopheessuusaa ibsaniiru.

Miidhaawwan sababa hir’ina roobaatiin mudatan dursanii qolachuuf qindeessummaa komisinichaatiin sektaroota federaalaarraa amma caasaa gadiitti jiran waliin hojiileen haal duree hojjetamaa akka jiran dubbataniiru.

Balaa lolaa sababa Elniinootiin kibba bahaa fi kibba Itiyoophiyaatti mudachuu danda’u waliin wal qabatee sadarkaa federaalaa fi naannootti qophiin nyaataa, meeshaalee garagaraa fi meeshaaleen battalia taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Balaawwan uumamaa fi nam-tolchee Itiyoophiyaa keessatti mudatan ofiin damdamachuuf dandeettiin dabalaa jira.

Deeggarsa namoomaa dandeettii ofiitiin qaqqabsiisuurra darbee biyyoota biraafillee deeggarsa kan taasisu dhaabbata ‘Itiyoophiyaa eed’ jedhamu hundeessuuf qophiin taasifamaa jira jedhaniiru.

Sirna ofeeggannoo duraa cimsuu fi ammayyeessuuf qooda fudhattoota biro waliin qindaa’uun wiirtuun qindeessaa yeroo hatattamaa biyyaalessaa dhaabbachuusaa ibsaniiru.

Qophiilee fi hojmaattonni haaraan taasifaman dandeettii biyyattiin balaa damdamachuuf taasiftu fulla’insaan akka cimsu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015