Tamsaasa Kallatti:

Milkaa’inni Daldala Al-ergii Bunaan galmaa’e mi’eessituun dabaluuf dandeettiin uumameera

 

Fulbaana 9/2019 (ENA) Milkaa'ina Daldala Al-ergii Bunaan galmaa’e mi’eessituun dabaluuf dandeettiin omiishtummaa uumamaa jiraachuusaa Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa beeksise.

Daarektarri Olaanaan Abbaa Taayitichaa Dr.Addunyaa Dabalaa ENA waliin turtii taasisaniin, damee Mi’eessituuwwanii haaromsuuf tattaaffiin jalqabamuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa kana Roozmarii, Kororimaa, Habasudaa fi Jinjibila dabalatee gosa Mi’eessituuwwan adda addaa 16 gabaa alaatiif dhihaataa jiru.

Bara bajataa darbe qofa damee kana irraa galiin doolaara miliyoona 17 kan argame yoo ta'u, yeroo raawwii kana gara doolaara miliyoona 20tti guddisuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Gosoota mi’eessituuwwan 16 kanaaf kan ta'u paakeejiiwwan haala omisha ammayyaa, eegumsa qulqullinaa fi sirna gabaa qophaa'uu ibsaniiru.

Paakeejiiwwan haaraa kana gara hojiitti hiikuuf qajeelfamni qophaa’uusaa dubbataniiru.

Raawwii isaa bu’aa qabeessaa taasisuuf Qonnaan bultootaa fi ogeessota qonnaa irratti xiyyeeffachuun leenjiin kennamuu eeraniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015