Gareen badii ABUT badii fi gidiraa malee ummata Tigaayiif waan buusu tokkollee hin qabu-Obbo Geetaachoo Raddaa - ENA Afaan Oromoo
Gareen badii ABUT badii fi gidiraa malee ummata Tigaayiif waan buusu tokkollee hin qabu-Obbo Geetaachoo Raddaa
Fulbaana 8/2019 (ENA)- Gareen badii ABUT badii fi gidiraa malee ummata Tigaayiif waan buusu tokkollee akka hin qabaannee pirezidaantii bulchiinsa yeroo Tigraayi duraanii fi ministirri gorsaa ministira muummee dhimmoota Afriikaa bahaa Geetaachoo Raddaa ibsan.
Ummannii fi dargaggoonni Tigraayi garee badii ABUT irratti qabsaa’uudhaan gara nageenyaa fi misoomaatti deebi’uu akka qaban dhaamaniiru.
Pirezidaantii bulchiinsa yeroo Tigraayi duraanii fi ministirri gorsaa ministira muummee dhimmoota Afriikaa bahaa Geetaachoo Raddaa turtii POA waliin taasisaniinABUT’n waggoottan darban ummata Tigraayi gidiraa dhuma hin qabnee fi maraammartoo badii keessa galchuun alatti homaa akka isa hin fayyanne dubbataniiru.
Adeemsi badii garichi itti jiru fedhii nagaa fi tasgabbii ummanni Tigraayi qabu waliin faallaa ta’uu dubbataniiru.
Yeroo haalli biyyaalessaa fi idil addunyaa jijjiirame kanatti gaggeessitoonni ABUT ilaalcha siyaasaa moofaa fi dhiphaa keessatti kufanii akka jiran ibsaniiru.
Badiin waggoottan darban naannicha keessatti qaqqabe murtee ABUT dogoggoraarraa kan maddu ta’uu ibsaniiru.
Gaggeessitoonni ABUT yeroo hundaa nuyi sirriidha jechuun yaaduun, gidiraa ummataa ifatti mul’atu akka hin hubanne isaan taasiseera jedhan.
Gaggeessitoonni garichaa muraasni tooftaa hidhannoo waraanaa moofaan ala kan itti hin mul’annee fi umuriisaanii fixan carraa ummata Tigraayi addatti to’achuuf ka’uunsaanii gonkumaa dogoggora jedhaniiru.
Dhaloonni ammaa yaada haaraa fi fedhii nageenyaa dhugaa akka qaban ibsuun, hoggantoonni garichaa yaada yeroon itti darbeen uummata gara jeequmsaatti galchuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Walii galtee Nagaa Piriitooriyaa waraana mudatee ture dhaabuu fi uummata gara jireenya idileetti deebisuuf akka ta’e ibsuun, hoggantoonni garee TPLF adeemsa waliigalticha aangoosaanii itti fufsiisuudhaaf jedhanii akka gufachiisan dubbataniiru.
Lammiilee qe'eesaaniirraa buqqa'anii rakkoo keessa jiran gara qe'eesaaniitti akka hin deebine dhorkuun dantaa siyaasaatiif itti fayyadamaa akka jiran ibsaniiru.
Hoggantoonni TPLF nagaa hin barbaanne uummata beelaa fi rakkootti dhiisanii jeequmsa irraa bu'aa argachuuf, daddabarsa seeraan alaa fi daldala warqii irratti bobba'aniiru jechuun ibsaniiru.
Dargaggoota Tigiraay irratti garee kanaan Cunqursaa fi daba raawwatamuuf jecha barattoonni naannoosaanii dhiisanii godaanaa akka jiranis ibsaniiru.
Amma immoo hoggantoonni garichaa nageenyaa fi dantaa uummata Tigiraay duubatti dhiisuun, diinota uummata Tigiraay waliin tumsa siyaasaa haaraa uumuunsaa gocha nama qaanessudha jedhaniiru.
Akka Obbo Geetaachoon jedhanitti, hoggantoonni garee TPLF kufaatii akka dandeettii fi injifannootti ilaaluun farra uummataa ta'uusaanii eeranii, garichi badiisaa amane fudhachuurra, akka waan sirrii ta’eetti fakkeessuun uummata dogoggorsiisuu itti fufeera jedhaniiru.
Gareen TPLF uummata Tigiraayiif badii, godaansa, dararaa fi rakkina malee waan haaraa kennuu danda'u tokkollee hin qabu jedhaniiru.
Nageenyi waaraan kan dhufu garee badii kana murannoodhaan irratti qabsaa'uun qofa ta'uus dubbataniiru.
Haala Kanaan uummannii fi dargaggoonni Tigiraay garee badii dantaa muraasaaf dhaabbate kana irratti qabsaa'uun naannicha gara nageenyaa fi misoomaatti deebisuu akka qaban waamicha dhiheessaniiru.