Tamsaasa Kallatti:

Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob bakkaa bakkatti socho’uun kennu deebii hatattamaa mootummaan ummataaf kennedha-tajaajilamtoota

Fulbaana 8/2019 (ENA)-Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob bakkaa bakkatti socho’uun kennu deebii hatattamaa fi kutannoo mootummaan ummataaf kenne kan mirkane ta’uu tajaajilamtoonni ibsan.

Tajaajila wiirtuu tokkoo dijitaalaa bakkaa bakkatti socho’uun kennamu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin Ebla 14 bara 2018 eebbifamee hojii eegaluunsaa ni beekama.

Tajaajilli ammayyaa kun jiraattonni biirolee mootummaa garagaraa osoo hin dhaqiin, bakka jiranitti yeroo gabaabaatti dhimmasaanii raawwachuu akka danda’an haala mijataa uumeera uumeera.

Dhimma kanarratti ENA’f yaada kan kennan keessaa obbo Taammiruu Asaffaa akka ibsanitti, tajaajilli Kanaan dura mootummaan kennu yeroo dheeraa kan fudhatuu fi bu’aa bayiif kan nama saaxilu ture.

Amma garuu hojmaanni dijitaalawaa waan ta’eef daqiiqaa muraasa keessatti tajaajila si’ataa argachuu akka danda’an ibsaniiru.

Keessumaa hojmaanni tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti socho’uun kennamu naannawa jiraatanitti tajaajila si’ataa akka argatan carraan argamuunsaa itti quufinsa caalaa akka uumeef dubbataniiru.

Obbo Taammiraat Kabbadaa gamasaaniin, kenniinsi tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti deemuun kennamu simannaarraa eegalee hojmaata Kanaan dura turerraa si’ataa ta’uusaa eeranii, tajaajila argatanitti gammaduusaanii ibsaniiru.

Obbo Waabalaa Hajiikadir tajaajila dijitaalaa Masoob bakkaa bakkatti deemuun tajaajila kennutti yeroo jalqabaaf tajaajilamuusaanii dubbatanii, tajaajila gama Kanaan kennamu yeroo gabaabaa fi hatattamaan argachuusaanii ibsaniiru.

Tajaajila si’ataa kanaaf mootumma galateeffataniiru.

Tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti deemuun kennamutti ogeessi kaawuntaraa immigireeshinii fi tajaajila lammummaa Darribee Faantaahun, Kanaan dura tajaajilamtoonni tajaajila argachuuf qaamaan gara dhaabbatichaa deemuuf akka dirqaman yaadataniiru.

Tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti deemuun amma kennamaa jiruun dhaabbilee hedduu bakka tokkotti fiduun bakka tajaajila kennaa akka jiran ibsaniiru.

Tajaajila dijitaalaa FDRI bakkaa bakkatti deemuun kennamutti ogeessa tajaajila yehulluu kan ta’an Haannaa Tafarraa, amma ammaatti kutaalee magaalaa Hunda dhaquun tajaajila kennuudhaan itti quufinsa tajaajilamtootaa mirkaneessaa jirra jedhaniiru.

Hojii raawwachiisaan tajaajila masoob FDRI Yoonaas Alamaayyoo akka ibsanitti, tajaajiloota mootummaa Kanaan dura bittinnaa’anii turan dijitaalaayiz gochuun wiirtuu tokkotti kennuuf kan eegalame tajaajilli masoob akka biyyaatti bu’aa olaanaa fidaa jira.

Namoonni gara wiirtuu Masoob qaamaan dhaquun tajaajilamu hin dandeenye bakka jiraatan dhaquun tajaajiluun haalli dandeessisu uumamuu dubbataniiru.

Hojmaanni kun namoota qaamaan argamuu hin dandeenyeef carraa guddaa kan uume waan ta’eef fuulduras tajaajila kana bal’isuudhaaf xiyyeeffatamee akka hojjetamu obbo Yoonaas Alamaayyoo mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015