Tamsaasa Kallatti:

Abbummaa Hulaa Galaanaa Itoophiyaa Mirkaneessuun Imaanaa Dhaloota Kanaati  

Galaanni Diimaa Itoophiyaaf qaama bishaanii fi hula galaanaa qofa hin turre; waggoota kumaatamaan lakkaa’aman keessatti bakka daldalaa, qaroominaa, amantii fi aadaan itti mul’atu, akkasumas karaa Itoophiyaan addunyaa waliin walitti dhufeenya ittiin taasiftu ture.

Qaroominni Aksuum, karaa magaalaa qarqara Galaana Diimaa irratti argamtu buufata doonii Adulisitti qubachuun, Biyyoota Arabaa irraa kaasee hanga galaanaa Meeditiraaniyaanii, Garbaa Hindii irraa kaasee hanga qarqara galaanaa Afrikaa jiranitti walitti hidhamiinsa bal’aa ture keessatti gahee olaanaa qaba ture. Kunis Itoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa fi giddugala daldalaa ta’uu ishee ifatti kan agarsiisu ragaa seenaa guddaadha.

Itoophiyaan buufata dooniiwwan ishee Massawaa fi Assab humnaan erga jalaa mulqamtee fi geejjiba galaanaa Galaana Diimaa irraa erga addaan cittee waggoota dheeraa lakkoofsifteetti. Biyyi naannichatti qaroominaaf bu’uura taate, karaa daldalaa fi giddugala dippilomaasii turte, shira ilmaan ishee dabalate irratti raawwatameen miidhamteetti.

Kanaaf, walitti dhufeenyi cimaa Itoophiyaan Galaana Diimaa waliin qabdu gaaffii siyaasaa yeroo ammaa qofa osoo hin taane, seenaa daldalaa fi qaroomina durii ishee waliin kan walqabatu, dhimma dhalootaa fi jiraachuu biyyaa ta’a.

Gibtsii fi diinonni seenaa biroon, gareewwan biyya keessaa waliin qindaa’uun shira raawwataniin, Eertiraa Itoophiyaa irraa adda baasuun, olka’iinsa qaroominaa fi seenaa waggoota kumaatamaa qabdu akka dhabdu taasisan.

Kunis biyyattii ummata miliyoona 130 ol qabdu, akkasumas guddina diinagdee saffisaa galmeessaa jirtu taate, sochii loojistikii ishee gufachiisuun, daldala galtee fi al-ergii akkasumas yaa’a invastimantii irratti danqaa uumeera.

Akka odeeffannoon Baankii Addunyaa agarsiisutti, sochiin daldala galtee fi al-ergii Itoophiyaa keessaa dhibbeentaa 95 ol karaa Finfinnee–Jibuutii qofa irratti kan daangeffameedha. Kana malees, Galaanni Diimaa nageenyaa fi jiraachuu naannoo Afrikaa Baha wajjin walqabatee dhimma murteessaa ta’aa dhufeera.

Itoophiyaan Galaana Diimaa irraa fageenya gabaabaa irratti argamti waan taateef, gaaffiin abbummaa hula galaanaa ta’uu ishee baay’ina uummataa, guddina diinagdee saffisaa, yaaddoo nageenyaa fi tasgabbii akkasumas dhimma jiraachuu biyyaa hunda kan ilaallatudha.

Gaaffii Itoophiyaan abbummaa galaanaa ilaalchisee kaastu haqa-qabeessaa fi sababa irratti kan hundaa’edha. Kaayyoon isaas jiraachuu biyyaa mirkaneessuu, biyyoota biroo waliin faayidaa waliinii eeguun tumsa diinagdee, nageenyaa fi tasgabbii cimsuu, akkasumas badhaadhina waliinii mirkaneessuudha.

Hidhi Guddichi Haaromsaa Itoophiyaa humnaa fi bu’uuraalee misoomaa karaa walitti hidhuun, Itoophiyaan waliin misoomuu fi guddachuuf fedhii cimaa qabdu kan agarsiisudha.

Itoophiyaan waggoota hedduuf hidhaa ji’oopoolitika Galaana Diimaa keessatti dabarsite, dhaloota Abbayyaa keessatti xumuramuu qaba. Gaaffiin ishees karaa dippilomaasii biyyoota gamlamee fi qaamolee hedduu gidduutti gaggeeffamuun fudhatama argachaa, gara sadarkaa murteessaa “akkamitti hojiirra oola?” jedhuutti ce’uun dhugaa kana kan calaqqisiisudha.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo tokko miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf ibsa kennaniin, namni Itoophiyaan abbummaan hulaa galaanaa ta’uu hin qabdu jedhu nama seera uumamaa irraa maqe ta’uu ibsaniiru.

Galaanni Diimaa fi Itoophiyaan bara baraan addaan ba’anii jiraachuu akka hin dandeenye, kana amanuunifi fudhachuun akka barbaachisu cimsanii dubbataniiru.

Yaa’ii 18ffaa Hoggantootaa BRICS mat-duree “Dandamachuu, kalaqa, tumsa fi itti fufiinsa ijaaruu” jedhuun kan Niiwuu Deelii, Indii keessatti gaggeeffamerratti, abdii Itoophiyaan guddinaa fi badhaadhinaaf qabdu akkasumas carraa ishee gara fuulduraa ibsaniiru.  

Itoophiyaaf Hulaa galaanaa argachuun waan kamiyyuu caalaa dhimma diinagdee dursaa fi murteessaa ta’uu kan ibsan Ministirri Muummee, faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa fi sagalee Afrikaa dhageessisuuf barbaachisummaa dhimma kanaa hawaasa idil-addunyaatti ifatti himaniiru.

Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Ministirri Itti Waamamaan Mootummaa Dr. Tasfaayee Beelgijee, Kanaan dura ENA waliin turtii taasisaniin, Itoophiyaanonni dogoggora seenaa raawwatameen faayidaa biyyaalessaa dhalootaa bara baraaf turu ummatoota dabarsanii kennan akka hin taane ibsaniiru.  

     

Gaaffiin Itoophiyaa abbaa qabeenyaa galaanaa ta’uu ishee, karaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ifatti erga dhiyaatee booda, komiin fi gaddi uummataa waggoota muraasaaf garaa uummataa keessatti kuufamee ture yeroo gabaabaa keessatti fudhatama argachuu isaa ibsaniiru.

Itti aansuunis, dhimma faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaarratti garaagarummaan yaadaa jiraachuu hin qabu kan jedhan Ministirichi, gaaffiin abbummaa hula galaanaa ta’uu akka deebii argatuuf tumsi fi tokkummaan murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Itti Aanaa Walitti Qabaa Koree Dhaabbi Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nageenyaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Dr. Fatii Mahadii, gaaffiin Itoophiyaa abbummaa hulaa galaanaa ta’uu ishee tumsa naannawaa fi badhaadhina waliinii giddugaleessa kan godhate ta’uu ibsaniiru.

Gaaffiin kun bu’uura seenaa, uumamaa, teessuma lafaa fi seeraa kan qabu ta’uu, guddina diinagdee fi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuun daldalaa fi invastimantii mijeessuu wajjin kan walqabatu ta’uu ibsaniiru.

Seerri Galaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi qajeelfamoonni isaa biyyoota buufata galaanaa hin qabne gara galaanaatti qaqqabuu fi itti fayyadamuuf mirga isaanii deeggaruuf keeyyataalee fi bu’uura seeraa akka qabanis ibsaniiru.

Inistiitiyuutii Dhimma Alaatti Qorataa Olaanaan Gaanfa Afrikaa fi Ji’oopolitikaa Bishaanii, Dr. Gaashaw Ayifaram, gama isaaniin, gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa ta’uu Itoophiyaa cabinsa seenaa sirreessuun Itoophiyaa seenaa fi qaroomina ishee isa maqaa guddaa qabu waliin deebitee walitti araarsuu wajjin kan walqabatu ta’uu ibsaniiru.

Itoophiyaan walitti hidhamiinsa diinagdee naannawaa cimsuun, walitti hidhamiinsa diinagdee Afrikaa akka saffisuuf carraaqqii taasiftu keessatti abbummaa hula galaanaa mirkaneeffachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa ta’uu Itoophiyaa fudhatama idil-addunyaa argachaa jiraachuu eeruun, biyyoonni, dhaabbileen idil-addunyaa fi miidiyaaleen dhimma kana barbaachisaa ta’uu isaa sirriitti hubachaa akka jiran ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015