Tapha jalqabaa torban shanaffaa liigichaan Bireentifoordi Cheelsii waliin taphatu - ENA Afaan Oromoo
Tapha jalqabaa torban shanaffaa liigichaan Bireentifoordi Cheelsii waliin taphatu
Fulbaana 8/2019 (ENA) – Sagantaan torban shanaffaa piriimar liigii Ingiliz har’a eegala.
Halkan sa’aatii afuritti Bireentifoordi Cheelsii waliin Istaadiyeemii Jiiteek Komuniitiitti taphatu.
Bireentifoordi qabxii jahaan sadarkaa torbaffaarra jira.
Morkataansaa Cheelsiin qabxii torbaan sadarkaa jahaffaarra jira.
Bireentifoordi taphoota sadii darban, Cheelsiin ammoo taphoota lama darban hin mo’anne.
Kilaboonni Landan kunneen taphni mo’achuuf taasisan dorgommiin wal gitu ni taasifama jedhameetu eegama.
Sagantaan torban shanaffaa piriimar liigii Ingiliz amma Fulbaana 10 bara 2019tti gaggeeffama.