Godina Boorana bahaatti namoonni kuma 57 caalan fayyadamaa inshuraansii fayyaa hawaasaa ta’aniiru - ENA Afaan Oromoo
Godina Boorana bahaatti namoonni kuma 57 caalan fayyadamaa inshuraansii fayyaa hawaasaa ta’aniiru
Fulbaana 8/2019 (ENA)- Godina Boorana bahaatti namoonni kuma 57 caalan fayyadamaa inshuraansii fayyaa hawaasaa ta’uusaanii waajjirri fayyaa godinichaa ibse.
Inshuraansiin fayyaa hawaasaa kutaaleen hawaasaa galii xiqqaa fi jiddu galeessaa qaban yeroo dhukkubsatan baasii waldhaansaa guddaaf akka hin saaxilamnee fi waldhaansa barbaachisu gatii xiqqaan akka argatan yaadamee kan sirneeffamedha.
Godina Boorana bahaatti hubannoo hawaasaa cimsuun akkasumas kaffaltii miseensummaa si’achiisuun inshuraansii fayyaa aanaalee fi gandoota baadiyyaa hundatti babal’isuuf hojjetamaa tureera.
Waajjira fayyaa godinichaatti qindeessaan qabeenya maddisiisuu fi hirmaannaa hawaasaa obbo Nagaash Qananii, barana abbaa warraa kuma 102 ol fayyadamaa inshuraansii fayyaa taasisuuf yaadamee hojiin eegalamuu ibsaniiru.
Hojii amma ammaatti hojjetameen bulchiinsa magaalaa Nagallee Booranaa dabalatee aanaalee godinichaa hundatti namoonni kuma 57 fi 453 fayyadamoo inshuraansii fayyaa ta’uusaanii eeraniiru.
Kanneen keessaa kuma 7 fi 450 ol kan ta’an miseensota haaraa tajaajila inshuraansii fayyaa argatan ta’uu ibsaniiru.
Abbootiin warraa kuma 50 fi 100 fayyadamoo inshuraansii fayyaa kan turanii fi waraqaa eenyummaa tajaajilichaa kan haaromsan miseensota duraanii ta’uu eeraniiru.
Aanaa fi bulchiinsi magaalaa harka qalleeyyii kuma 12 fi 54’f kafaltii duraa kaffaluufii eeraniiru.
Tajaajilli kun hospitaalota godinichaa 3 fi buufataalee fayyaa 28 keessatti tajaajilli waldhaansaa guutuun tolan kennamaa akka jiru qindeessaan kun mirkaneessaniiru.
Kana malees Hospitaalota ispeeshaalaayizdii Hawaasaa, Meeggaa, Moyyaalee, Yaa’aballoo, Dalloo Mannaa, Gobbaa fi hospitaala rifaraalaa Gobbaa waliin walii galtee mallatteessanii hojjechaa akka jiran dubbataniiru.
Magaalaa Nagallee Booranaa dabalatee aanaaleen hundi mana qorichaa hawaasaa haaraa 13 banuusaanii ibsaniiru.
Bardheengaddaa godinichatti namoonni fayyadamoo inshuraansii fayyaa ta’an kuma 370 fi 273 tajaajila fayyaa tolaan argachuusaanii beeksisaniiru.
Fayyadamtoota keessaa jiraattuun magaalaa Nagallee Booranaa adde Ababachi Warquu; kaffaltii duraa kan waggaa kaffaluudhaan maatiisaanii sadii waliin wagga guutuu inshuraansii fayyaa fayyadamuusaanii ibsaniiru.
Jiraattuun magaalichaa adde Taarukuwaa Damisee miseensa inshuraansii fayyaa waan ta’aniif rakkoo tokko malee tolan waldhaansa argachuusaanii dubbataniiru.
Tajaajilli inshuraansii fayyaa baasii qorannoo, qorichaa fi kanneen biroo waan danda’uuf rakkoo dinagdee kan furu akka ta’e ibsaniiru.