Tamsaasa Kallatti:

Kan dubbatan hojjechuu, waadaa galan raawwachuu!

Barri haaraan Itiyoophiyaa baranaa jijjiirama guyyaa lakkaa’uu qofa miti. Itiyoophiyaan fuula haaraa Saaqxee seenaa haaraa barreessiteetti; filannoo gaggeessiteetti, marii taasifteetti, mo’atteetti, bayyanatteetti. Qormaatileen gara injifannoo olaanaatti jijjiiramaniiru.

Tattaaffii ijoolleenshee cichanii fi cimanii hojjetaniin gaaddidduun maraammartoo bara dheeraa isa dhumaaf saaqameera; injifannoowwan waggoota kurnan hedduu darban hin milkeessine waggoottan jijjiiramaa muraasa darban keessa milkeessineerra. Aadaa hojii fagoo fagoo akeekuu,karoorsanii eegaluu fi hatattamaan xumuruu gabbifanneerra. Kun biyya keenyaa fi mootummaashee kan adda godhudha.

Yeroo ammaa samii Itiyoophiyaaf ifeera. Aangoon qawweedhaan qabamaa ture hafee sagaleen “mootummaan kaardii ummataan qofa” jedhu daangaa amma daangaatti dhagahameera. Ummanni keenya aduu, qorra osoo hin jedhiin dhibeesaa obsaa, hin filatiin kan ittiin jedhe dura dhaabatee , fedhiisaa nu agarsiiseera. Biyya cichoomseera, demokiraasii filateera.

Ilmaan biyya sab-daneessotaa hammattoo marii biyyaalessaa jalatti wal gahanii galma tokko keessatti waa’ee biyyasaanii mari’ataniiru; yaada furmaata ta’a jedhan karaa bilisaan dhiheessaniiru. Walumaa gala gootota bara kanaatiin dachee Itiyoophiyaarratti injifannoon haaraan galmaa’eera. Dhugaan kun abdii ijoollee keenyaa akka lalisu kan godhe, seenaa keenya guddaa bara baraan seenessinudha.

Hin dhaabbannu! Hojii baay’eetu qabna; ni ariifanna, gufuu nu mudatu hunda hamileedhaan irra aanuun hawwii fi abjuu biyya keenyaa galmaan gahuuf itti fufna.

Biyya guddoo qabna; mari'annee ni ijaarra, osoo ijaarruus ni mari'anna. Kun daandii keenya haaraa kan nama hunda injifachiisedha. Mari’achuu; Mari’achuu;Mari’achuu.

Waggoota jijjiiramaa darban keessatti daandii naamusa cimaa olaantummaa seeraatiin qajeelfamu cinaatti mootummaan keenya ijoollee isaa seera darbanii balleessaa hojjetan gara laafinaan hammatee dhiifamaan manneen amala sirreessaatii baaseera. Kana sababeeffachuun hidhamtoota siyaasaa hedduuf dhiifama gochuun mana amala sirreessaatii bahaniiru.

Murtoon kuni biyyoonni hedduun kan hawwan garuu Itiyoophiyaan garaa dhiifamaa fi jaalalaan jibba kan injifatte murtoo olaanaa dha.

Dhiifamni utubaa ijoo biyyaati. Kuni kan murtaa’e barii biyyaalessaa waliin wal simsiisuunidha.

Lammiileen dhiifamaan gadhiifaman kunniin beekumsa isaaniin biyya isaanii akka tajaajilan abdii guddaa qabna. Kunis ijaarsa biyyaa egereef gumaacha olaanaa qaba.

Walitti hidhamiinsa siyaasaa fi hawaasummaa cinatti, tasgabbiin siyaasaa biyya tokkoo kan fooyya’u bu’aa dinagdee cimaan sadarkaa biyyaatti galmaa’ee amantaan ummataa yoo ijaaramudha. Itoophiyaan kana raawwattee jirti.

Guddinni dinagdee waliigalaa har’a biyya keenya keessatti galmaa’aa jiru, Afrikaa keessatti isa saffisaa fi bal’inaan mul’atudha. Dhugaan kun hunda biratti fudhatama kan qabudha.

Mootummaan Ida’amuu biyya birmadummaa qabdu kan mirga ishee hin kadhannee fi kabaja ishee eegdu uumuuf damee hundaan tattaaffii godheera.

Bu’aawwan dinqisiisoo galmaa’aniiru. Seenaan keenya arjoomtoota irraa qamadii eeguun keenya seenaan isaa xumuramee amma gara qamadii erguutti ce’eera.

Waggaa waggaan biqiltuu biliyoonaan lakkaa’amu dhaabuun galmee mataa keenyaa irra deddeebinee fooyyessineerra; eegumsa naannoo irrattis tumsa idil-addunyaatiif fakkeenya taanee jirra. Milkaa’inni kun osoo biyya biraa keessatti argamee hangam jedhama ture; Nuti garuu ijoollee abbootii goota keenyaa kan irra deddeebiin injifannoo dhandhamneedha. Galma geenyee jirra.

Mul'anni keenya fagoodha, karaan keenya tokkummaadha, gaafa tokko taanu bu'aa argamsiisuu akka dandeenyu kuni agarsiiftuu guddaadha.

Albuuda biyyoota biroo keessatti hiyyummaa fi liqaa biyyaalessaaf sababa ta’an, badhaasaa fi abdii biyyaa gooneerra; pirojektoota anniisaa haaromfamuu danda’uun naannicha wal qunnamsiifneerra; bifti magaalota keenyaa misooma koridarii ammayyaatiin jijjiirameera. Konfiraansiin Turizimii babal’ateera; bakkeewwan gahumsa turizimii haaraa hedduu ijaarree jirra.

Hambaa keenya amma jirus dafqa keenyaan gara fuulduraatti ceesifneerra.

Tarsiimoo Dijitaalaa 2030 dhaloota yaada keessa galchuun hojiirra oolchaa jirra. Hojiin mootummaa iftoominaa fi gahumsa akka qabaatu bu'uurri kaa'ameera. Hundaa ol, imaammata alaa biyya keenya tasgabbii dhabsiisu irraa bilisa, dantaa saba keenyaaf cimnee dhaabbanne; waltajjii addunyaa irratti waan nuuf malu gaafanneerra.

Mootummaan nuti ijaarru yaadama ida’amuurratti kan bu’ureffatedha, xiyyeeffannoonsaas dhaabbilee cimaa ijaaruudha. Dhaabbieen haqaa, nageenyaa fi demokiraasii biyya keenyaa bu’ura cimaa qabataniiru. Hojii mudhii keenya hidhannee hojjenneen mataa ol qabannee deemuu eegalleerra, har’a dhaabbileen dandeettii biyya utubuu, egeree akeekanii fi jijjiirama sirnaa cehanii darban uumamaniiru.

Mootummaan jijjiiramaa waggoottan muraasa darban waan adda isa godhu ifoomseera, pirojektoota ni eegala, xumuree ni eebbisa. Kana ammoo ummanni keenya irra deddeebi’ee kan raga bahudha. Industiriiwwan cufanan banamaniiru; dhaabbileen bara baraan kasaaraarra turan gara bu’a qabeessummaatti cehaniiru; gama invastimantiin,alergii fi oomisha bakka bu’u oomishuun jijjiirama tarkaanfataa milkeessineerra.

Borumtaa hidha haaromsaa guddicha xumurretti meeggaa pirojektoota doolaara biiliyoona 30 ol baasan kan egeree Itiyoophiyaa murteessan ummata keenyaaf ifoomsineerra.

Wabii anniisaa mirkaneessuuf wiirtuu nuukileeraa ijaaruuf walii galteen haaraa taasifamee hojiin eegalameera; Qabeenya Itiyoophiyaa naannoo Somaaleetti argamu fuulleetti baafneerra. Pirojektoonni gaazii uumamaa calalan halkanii fi guyyaa hojjetamaa jira. Erpoortiin Bishooftuu waggaatti imaltoota miiliyoona 100 simatu gonfoo aviyeeshinii Afriikaa nu gonfachiisee mootii samiirraa nu taasisa.

Warshaan Xaa’oo waggaatti doolaara biiliyoona 1 caalaa oolchu oomishtummaa qonnaa mirkaneessuudhaan qonnaan bultoota keenyaaf haara galfii ta’a; abdii hedduu qabna. Misoomni manneenii miiliyoona 1.5 kan jireenya namoota hedduu jijjiiru tumsa dhaabbilee idil addunyaatiin eegalameera. Kanas ni milkeessina! Kan dubbatame hojiirra oolchuun, waadaa galame raawwachuun bu’ura mootummaa ida’amuu dhalootaaf kaa’amanidha.

Tajaajila komunikeeshinii mootummaa

Fulbaana 8/2019

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015