Manni Maree Federeeshinii ergama heera mootummaan dabalatatti dirqama hawaasummaa isaa bahachaa jira - Obbo Aaganyoo Tashaagar - ENA Afaan Oromoo
Manni Maree Federeeshinii ergama heera mootummaan dabalatatti dirqama hawaasummaa isaa bahachaa jira - Obbo Aaganyoo Tashaagar
Fulbaana 07/2019(ENA): Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aaganyoo Tashaagar Manni Marichaa ergama Heera Mootummaa itti kennameen dabalataan dirqama hawaasummaa isaa bahachaa akka jiru ibsaniiru.
Manni Maree Federeeshinii fi dhaabbileen itti waamamni isaanii Mana mare Federeeshinii ta’an manneen tola ooltummaa Gannaatiin Naannoo Somaalee Magaalaa Goodeetti ijaaran fayyadamtootaaf dabarsanii kennaniiru.
Manni Marichaa lammiilee galii gadi aanaa qabanii fi namoota humna hin qabne deeggaruun sadarkaa jireenya isaanii fooyyessuuf hojjechaa akka jiru Obbo Aaganyoo Tashaagar ibsaniiru.
Mana duwwaa qofa osoo hin ta’iin meeshaalee mana keessaa fi midhaan nyaataaf oolu kan ji’a tokkoof itti gargaaraman waliin dabarsanii akka kennanis ibsameera.
Tola ooltummaan akkanaa kunis aantummaa Manni Maree Federeeshinii ummataaf qabu kan agarsiisu yoo ta’u, gara fuulduraattis caalaatti cimsanii akka itti fufan ibsaniiru.
Tola ooltummaan Manni Maree Federeeshinii hojjete kuni mootummaan misooma ummataa mirkaneessuuf hammam kutannoo akka qabu kan agarsiisu ta’uu Hoggantuun Biiroo Dubartootaa fi Daa’immanii Naannoo Somaalee, Haliimaa Hasan dubbataniiru.
Namoonni Manni ammayyaa isaaniif kenname yaaddoo roobaa yeroo Gannaa fi aduu yeroo Bonaa kan irraa hambisee ta’uu ibsuun deeggarsa Manni Marichaa fi Dhaabbilee itti waamama isaa taasisanif galateeffachuu ibsaniiru.