Tamsaasa Kallatti:

Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa waggaa 20 gadii wal qixa bahe

Fulbaana 7/2019 (ENA)-Gulaallii zoonii seekaafaa Waancaa Afriikaa wagga 20 gadiitiin Itiyoophiyaa fi Ruwaandaan 0 fi 0’n gargar bahaniiru.


Taphni kun Taanzaaniyaa Istaadiyeemii Uhuruutti gaggeeffame.


Akkaataa qabxii kanaatiin Itiyoophiyaan qabxii jalqabaa argatteetti.


Gareen biyyaalessaa kun tapha lammaffaa Fulbaana 9 bara 2019 dorgommicha kan qopheessite Taanzaaniyaa waliin taphata.


Ramaddii Kanaan tapha dheengadda taphatameen Taanzaaniyaan 3 fi 0’n Ruwaandaa mo’atteetti.


Itiyoophiyaan xumura walakkaatti darbuuf Taanzaaniyaa mo’achuu qabdi.


Gulaalliin zoonii Seekaafaa waancaa Afriikaa wagga 20 gadii Fulbaana 5 bara 2019 irraa eegalee gaggeeffamaa jira.


Biyyoonni sagal ramaddii sadiitti qoodamanii dorgommii taasisaa jiru.


Gulaallii Kanaan biyyoonni xumuraaf qaqqaban lama riijinicha bakka bu’uun waancaa Afriikaa wagga 20 gadii A.L.A bara 2027 Gaanaatti gaggeeffamurratti hirmaatu.


Gulaalliin zoonii seekaafaa amma Fulbaana 15 bara 2019tti ni gaggeeffama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015