Tamsaasa Kallatti:

Hulaa Galaanaa Itoophiyaarraa Seeraan Alaa fudhatame dhaloonni har’aa deebifachuuf dirqama qaba — Birgaadeer Jeneraal Hayiluu Gonfaa

Fulbaana 7/2019 (ENA)—Hulaa galaanaa Itoophiyaarraa karaa seeraan alaa fudhatame dhaloonni har’aa deebifachuuf dirqama seenaa fi seeraa akka qabu miseensi duraanii Raayyaa Ittisa Biyyaa, Birgaadeer Jeneraal Hayiluu Gonfaa ibsan.

Birgaadeer Jeneraal Hayiluu Gonfaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Itoophiyaa keessatti sadarkaa hoggansaa garaagaraa irratti waggoota dheeraaf biyyasaanii tajaajilaniiru.

Gaaffii Itoophiyaan hulaa galaanaa ofii ishee argachuuf dhiheessaa jirtu dhimma seeraa, seenaa, nageenya naannawaa, teessuma lafaa fi dinagdee bu’uura kan godhate ta’uu hayyoonni garaagaraa yeroo adda addaatti ibsaa turaniiru.


Birgaadeer Jeneraal Hayiluu Gonfaanis ENA waliin turtii taasisaniin, Itoophiyaan hulaa galaanaa karaa seeraan alaa dhabuu ishee yaadachiisuun, ulaa galaanaa karaa seeraan alaa dhabde kana deebitee argachuuf bu’uura seenaa fi seeraa gahaa ta’e qabdi jedhaniiru.

Kaayyoon Itoophiyaa kan nama biraa saamuu ykn mirga nama biraa sarbuu osoo hin taane, mirga seeraan qabdu deebifachuu fi faayidaa biyyaalessaa ishee karaa nagaa, seeraa fi waliigaltee irratti hundaa’een mirkaneessuu akka ta’e ibsaniiru.

Addunyaarratti biyyoota ummata miliyoona 130 ol qaban keessaa Itoophiyaan qofatu hulaa galaanaa irraa guutummaatti daangeffamee jiraachuu eeranii, biyyattiin Galaana Diimaa irraa fageenya kiiloo meetira 50 gadiitti kan argamtu ta’us, hulaa galaanaa dhabuun ishee waan fudhatama hin qabne ta’uu himaniiru.

Haalli kunis faayidaa biyyaalessaa biyyattii irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuu ibsaniiru.

Waggoottan muraasaan dura Itoophiyaan hulaa galaanaa lamaa fi isaa ol kan qabdu ta’uu yaadachiisuun, dogoggora seenaa keessatti raawwatameen hulaa galaanaa irraa adda baafamuu ishee himaniiru.

Hulaa galaanaa Itoophiyaarraa seeraan alaa fudhatame kana dhaloonni har’aa deebifachuuf dirqama seenaa fi seeraa qaba jedhaniiru.

Guddinni dinagdee Itoophiyaa yeroo gara yerootti ariitiin guddachaa kan jiruufi baay’inni uummata ishees haalaan dabalaa waan jiruuf, biyyattiin hulaa galaanaa ofii ishee kana keessummeessuu argachuun dirqama ta’uu himaniiru.

Kanaaf, gaaffiin hulaa galaanaa ofii ishee argachuu Itoophiyaa karaa nagaa fi dippilomaasiin deebii akka argatu hojjechuun filannoo jalqaba ta’uu akka qabu himanii, yoo kun milkaa’uu baates, dhaloonni har’aa seenaa fi seera bu’uureffachuun, miidhaan caalu osoo hin mudatiin, furmaata waaraa argachuu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015