Yaadamni Ida’amuu haaromsa turizimiif bu’uura cimaa kaa’eera. - ENA Afaan Oromoo
Yaadamni Ida’amuu haaromsa turizimiif bu’uura cimaa kaa’eera.
Itoophiyaan qabeenya uumamaa, madda turizimii uumamaa fi
namtolchee, ajaa’ibsiisoo ta’an hedduu kan badhaatedha.
Qabeenyaa daawwattoota hawatan, irra deddeebi’anii yoo ilaalanillee, yeroo dheeraaf yoo dawwatanillee kan hin nuffisiifne, qorannoon illee kan hin dhumne ta’an hedduu qabaatus, waggoota dheeraaf sirnaan osoo hin beeksisin, hamma barbaachisummaa isaatti osoo hin daawwatamin fi osoo hin beekamin turaniiru.
Kana gochuu dhabuu isheetiinis qabeenyaa turizimii hedduu irraa osoo hin fayyadamin waggoota dheeraa dabarsiiteetti.
“Seenaadhaaniis ta’e kenna uumamaatiin biyyoonni nu waliin dorgomuu hin dandeenye hedduun industiricha irraa waan guddaa yommuu buufatan nuti qaaliiwwan keenya dhoksinee,seenaa keenya dhukkee uffisnee,bara dheeraa turre.” — Kitaaba Mootummaa Ida’amuu, fuula 262
Har’a garuu seenaan kun jijjiiramaa jira. Turizimiin, utubaalee dinagdee shanan Mootummaa Ida’amuu keessaa tokko ta’e,seenaafi hamabalee akkasumas qabeenyaa uumamaafi namtolchee murteessoo gara qabeenya dinagdee fi galiitti jijjiiruun, Itoophiyaa addunyaatti beeksisaa jira.
Pirojektoonni misooma turizimii haaraa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad’n Arat Kilootti “tokko” jedhamee jalqabame, pirojektoota Maaddiin biyyaafiin gara kutaalee biyyattii hundaatti babal’ateera.
Mootummaan Ida’amuu Qabeenya turizimii Itoophiyaa yeroo dheeraaf xiyyeeffannoo dhabanii turaniif dursa kennun haaromsi isaanii labsameera.
Qabeenyaa turizimii waggoota dheeraaf dagatamanii turan dhukkee irraa hurgufuun, miidhaginni fi hawwattummaan isaanii mul’achaa jira.
Qabeenya uumamaa hawwataa Dallool irraa kaasee hanga Tulluuwwan Raas Daashanitti argaman, akkasumas iddoowwan uumamaa miidhaginaa fi hawwata addaa qaban, caalaatti addunyaatti beeksifamaa jiru.
Qabeenyi uumamaa misoomaan haaraan, tarkaanfiiwwan misooma turizimii fudhatamaniin, ifa ba’uun beekamtii argachaa jiru.
Olka’iinsa Yaadama Ida’amuu kan mul’isan keessaa tokko, yaadaa fi sadarkaa raawwii pirojektoota damee turizimii keessatti hojjetamanidha.
Inisheetiivota kana keessaa tokko, Pirojektii Maaddiin Shaggariif yoo ta’u, Haaromsaa Masaraa Mootummaa irraa eegalee Finfinnee akkuma maqaa isheetti haaraa taasiseera.
Pirojektiin Maaddiin Shaggariif, warraaqsa turizimii kakaasuun Paarkii Tokkummaa, Entotoo fi Paarkii Michummaa, akkasumas pirojektoota walqabatan biroo hojiirra oolcheera.
Har’a Finfinnee bifa haaraa uffachiisuun, naannolee duraan manca’anii turan gara iddoowwan bareedaa fi hawwataa ta’aniitti jijjiiree, daawwattoota miliyoonaan lakkaa’amanitti bakka daawwannaa ta’aniiru.
Maaddiin Shaggariif irraa itti fufuun, bifaalee haaraa Itoophiyaa mul’ise, inisheetiivii Pirojektii Maaddiin Biyyaaf jedhudha.
Hojiileen Maaddiin Biyyaaf Naannoo Oromiyaa keessatti Wancii; Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa keessatti Daawuroo fi Kontaa kan hammatu Koyishaa; akkasumas Naannoo Amaaraa keessatti qarqara Haroo Xaanaa irratti kan argamu Gorgoraa miidhagsuun misoomseera.
Pirojektoonni kun seenaa, uumamaa fi aadaa Itoophiyaa garaagaraa mul’isuun, Itoophiyaaf hawwata fi miidhagina dabalataa ta’aniiru.
Maaddiin Biyyaaf itti aansuun, pirojektiin Maaddiin Dhalootaaf hojiirra oole immoo bal’inaan Naannoo Somaalee keessatti Riizoortii Shabalee, Kibba Lixa Itoophiyaa keessatti Ikoo-loojii Danbii , Naannoo Amaaraa keessatti riizoortii Loogoo Hayiq, Naannoo Affaar keessatti Paalm loojii Ni’in lee , akkasumas konfeeransii riizoortii Arbaa MiinciiConference Resort hojiirra oolcheera.
Maaddiin Shaggarirraa kaasee hanga pirojektoota Maaddiin Dhalootaafitti, Mootummaan Ida’amuu hambalee seenaa eeguufi misoomsun sona itti dabaluun beeksisuuf hojiiwwan boonsaa hojjetameera.
Kanaafis, Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa irraa eegalee manneen hambaalee seenaa, amantii fi aadaa hedduun suphamaniiru haaromsamaniiru.
Jijjiiramoonni damee turizimii waggoota muraasa darban keessatti mul’atan, bifa Itoophiyaa beeksisuun, naannolee adda addaatti abdii fi misooma ittifufsiisuun, hojiiwwan dhalootatti ce’anidha.
Pirojektoonni kunis seenaa guddinaa fi badhaadhina Itoophiyaa keessatti boqonnaalee haaraa ta’uun, dhalootaaf mallattoo bara dheeraaf tajaajilan ta’anii dhaabbatu.