Masoob Tajaajilli Wirtuu tokkoo Jimmaa deddeebbii maamilaa fi qisaasama yeroo hambiseera - ENA Afaan Oromoo
Masoob Tajaajilli Wirtuu tokkoo Jimmaa deddeebbii maamilaa fi qisaasama yeroo hambiseera
Fulbaana 7/2019 (ENA):Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo Jimmaa haala hojii isaa ammayyeessuun maamiltoonni dararaa fi qisaasama yeroo hanbisuun tajaajila ariifachiisaa argachaa jiraachuu isaanii ibsan.
Tajaajilamtoonni magaalattii akka ibsanitti, Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoon kennaman yeroo irraa gara yerootti cimaa, ammayyoomaa fi si’ataa dhufaniiru.
Giddugali kun mana hojii hedduu iddoo tokkotti walitti waan fideef maamiltoonni waajjira irraa gara waajjiraatti deemuun dararama, baasii hin barbaachisnee fi qisaasama yeroo mudachaa ture hambisuu danda'eera.
Jiraattota keessaa Obbo Tasfaaye Baqqala akka ibsanitti, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob hojii eagaluusaan dura hojiin birookraasii fi qisaasama yeroo hin barbaachisneef saaxilamaa turuusaa ibsaniiru.
Waggaa tokko keessatti dhimma tokko raawwachiisuuf ji'a ja'a ol deddeebi'aa kan turan ta'uu yaadachuudhaan, hundeeffamni giddugala kanaa rakkoo sana hambisuu keessatti jijjiirama guddaa fiduu isaa ibsaniiru.
Dabalataanis, kanaan dura sekteroonni mootummaa giddugala kanatti hin makamne dabalataan hammatamanii tajaajila kennuu waan eegalaniif, dandeettii hojii fi haalli tajaajila ariifachiisaa kennuu giddugala kanaa caalaatti cimeera jechuun eeraniiru.
Aadde Mareemaa Mahaammad gama isaaniitiin kanaan dura dhimmi tajaajila kennuu baay'ee nu yaaddessa ture jedhan.
Dhaabbilee mootummaa keessatti hojiin seeraan ala ta'e dararaa fi qisaasama qabeenyaaf nu saaxilaa ture kan jedhan Aadde Mareemaan; har'a garuu gara giddugala tajaajila tokkoo Masoob yommuu deemnu amantaa guutuu fi gammachuudhaani jedhaniiru.
Hojjettoonni giddugala kanaa dhimma maamiltootaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun isaanii fi tajaajilichi teeknoolojiin kan deegaramee fi si’ataa ta'uu isaa waan hundumaa olitti gammachiisaadha jedhaniiru.
Tajaajilichi yeroo irraa gara yerootti ammayyoomaa dhufuus jiraattuu magaalaa Jimmaa kan ta'an Aadde Alamneesh Dikoo ibsaniiru.
Dhimmoota adda addaa sadaniif gara giddugala kanaa dhufuu isaanii fi tajaajiloota sadanuu bakka tokkotti xumuranii deebi'uu isaanii akka fakkeenyaatti eeraniiru.
Dargaggoo Miiftaa Abdulqaadir gama isaatiin Masoob giddugalli wiirtuu tokkoo harka qalleeyyii fi qaama miidhamtootaaf sirna mijataa fi sirrii ta'e diriirsuu isaa eeruudhaan, rakkoo malee seenee tajaajila sirrii argachuu danda'uu isaa dubbateera.
Hojjettoonni tajaajila giddugala tokkoo Masoob Jimmaa Liinaa Abdullaaziizii fi Hanaan Amuutii; maamiltoonni gara dhaabbatichaa yommuu dhufan tajaajila xumuranii bahuuf daqiiqaa 10 hanga 15 qofa kan isaanitti fudhatu ta'uu ibsaniiru.
Haalli hojii digitaalaa fi ariifachiisaa waan ta'eef maamiltoonni dararaa fi qisaasama yeroof kan hin saaxilamne ta'uu kan eeran hojjettoonni kunniin; hojjetaan hundi daqiiqaa tajaajila kenneen safaramee kan madaalamu waan ta'eef hanqinni tajaajilaa kamiyyuu kan hin uumamne ta'uu dubbataniiru.
Itti aanaa hojii gaggeessaa tajaajila giddugala tokkoo Jimmaa Masoob Obbo Abdii Salamoon; giddugalli kun tajaajila kennuu erga eegale bara 2018 irraa eegalee hanga ammaatti lammiilee kuma 135 ol keessummeessuu isaa ibsaniiru.
Akkasumas tajaajiloonni giddugala kanatti kennaman 135 irraa gara 139 kan ga'an ta'uu sekteroonni gara giddugala kanaatti galan immoo 25 irraa gara 29tti guddachuu isaanii ibsaniiru.