Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan hulaa galaanaa akka qabaattu gochuun dhimma faayidaa biyyaalessaa eegsisuu fi dhimma birmadummaa dinagdeeti

Fulbaana 7/2019 (ENA) - Itiyoophiyaan hulaa galaanaa dhabde deebisiisuun dhimma faayidaa biyyaalessaa eegsisuu, birmadummaa dinagdee mirkaneessuu fi nageenya naannoo cimsuu ta’uu gorsaan dargaggootaa fi ispoortii ministira muummee Qajeelaa Mardaasaa ibsan.

Akkaadaamiin hoggansaa Finfinnee dhimma laga Abbayyaa fi hulaa galaanaa ilaalchisee marii paanaalii gaggeessaa jira.

Gorsaan dargaggootaa fi ispoortii ministira muummee Qajeelaa Mardaasaa wayita kana akka jedhanitti, hulaan galaanaa dinagdee, nageenyaa, dhiheessii anniisaa fi walitti hidhamiinsa daldalaa waliin kan walitti hidhatedha.

Galaanni diimaan sararoota daldalaa fi geejjiba anniisaa idil addunyaa waliin kan walitti hidhate ta’uu ibsanii, qaqqabiinsa daldalaa, dandeettii lojistiksii, dandeettii dorgommii dinadgee fi nageenyaaf qooda olaanaa qaba.

Hulaan galaanaa Itiyoophiyaaf dhimma faayidaa biyyaalessaa eegsisuu, birmadummaa dinagdee fi nageenya naannichaa kabachiisuu ta’uu ibsaniiru.

Miseensi mana maree bakka bu’oota ummataa ambaasaaddar Diinaa Muftii, haalli hulaa galaanaa seenaa, teessuma lafaa, dinagdee fi nageenyaa Itiyoophiyaan kan wal qabate jajandaa fulla’aa ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan galaana diimaatti dhioo ta’uunshee, baay’inni ummatashee fi dinagdeenshee saffisaan guddachaa dhufe fedhii hulaa galaanaaf qabdu guddaa taasisa.

Faayidaa biyyaalessaan gamatti walitti hidhataa dinagdee fi nageenyaa ollootaa fi biyyoota Afriikaa akkasumas sirna idil addunyaa waliin qabaatu xiinxaluu akka barbaachisu ibsaniiru.

Dhimmi hulaa galaanaa Itiyoophiyaa karaa nagaa fi dippilomaasii, walii galtee fi tumsaanfurmaata akka argatu cimsitee barbaaddi jedhaniiru.

Pirezidaantiin akkaadaamii hoggansaa Finfinnee Dr. Xaasoo Gabree gamasaaniin, dhimmoonni hulaa galaanaa fi Naayil dinagdee Itiyoophiyaa fi naannawaa egereef, faayidaalee nageenyaa fi walitti hidhamiinsaan madaalamee gaggeeffamuu akka qabu ibsaniiru.

Dhimmoonnu hula galaanaa fi Naayil mariidhaan, wal amantaan, hammattoowwan seeraa fi faayidaa waloo fulla’aa ummattoota hundaa hubannoo keessa galchuun gaggeeffamuu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015