Ayyaanonni Damaraa Masqalaa fi Irreechaa duudhaa isaanii eeggatanii akka kabajamaniif gaheen dargaggootaa murteessaadha - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanonni Damaraa Masqalaa fi Irreechaa duudhaa isaanii eeggatanii akka kabajamaniif gaheen dargaggootaa murteessaadha
Fulbaana7/2019 (ENA):Finfinneetti ayyaanonni haala ho'aan kan kabajaman ayyaanonni Damaraa, Masqalaa fi Irreechaa duudhaa isaanii eeggatanii akka kabajamaniif dargaggoonni gahee isaanii bahachuu akka qaban Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Finfinnee hubachise.
Biirichi Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Finfinnee waliin ta'uun mata duree "Waliigaltee waloo nageenya fulla’aatiif" jedhuun konfiraansii dargaggoota sadarkaa magaalaatti gaggeessaa jira.
Itti aanaan hoji gaggeessaa Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Finfinnee obbo Tasfaaye Dandir wayita sana akka jedhanitti, ayyaanonni Damaraa ,Masqalaa fi Irreechaa ayyaana jaalalaa, obbolumma, Nageenyaa fi galateeffannaati.
Ayyaanonni kunneen hedduumminaa fi miidhagina biyya keenyaa addunyaaf kan beeksisan, tuuristoota hedduu gara magaalaa keenyaatti kan hawwatan qabeenya keenya gudaa waan ta'aniif, ayyaanonni kunniin milkaa'inaan akka kabajamaniif dargaggoonni gahee isaanii bahachuu qabu jedhaniiru.
Keessummoota ayyaana kanarratti hirmaatan kabaja guddaa fi duudhaa keessummaa simannaa keenyaan keessummeessuudhaan fooyya’ina magaalaa keenyaa addunyaaf agarsiisuuf dargaggoonni itti gaafatamummaa isaanii akka bahanis waamicha dhiyeessaniiru.