Manchistar Yunayitid dorgommii Kaaraabaa’oo kaap irraa gaggeeffame - ENA Afaan Oromoo
Manchistar Yunayitid dorgommii Kaaraabaa’oo kaap irraa gaggeeffame
Fulbaana 7/2019 (ENA)-sagantaa sadaffaa Kaaraabaa’oo Kaap Ingiliziin Biraayitan Manchistar Yunaayitidiin 3 fi 2’n mo’ateera.
Tapha kaleessa galgala Istaadiyeemii Olditiraafoolditti taphatameen Manchistar Yunayitid 2 fi 0’n duraa ture.
Biraayitan galchii sadii lakkoofsiseen mo’achuu danda’eera.
Haala Kanaan Biraayitan gara marsaa afraffaatti yoo darbu Manchistar Yunaayitid gaggeeffameera.
Sagantaalee birootiin Astonviilaan Koventarii Siitii 3 fi 1’n, Everton Wolvisiin, akkasumas Filiitwud Shefildi Yunaayitidiin qabxii wal fakkaataa 1 fi 0’n mo’achuun marsaa itti aanutti darbaniiru.
Sagantaan marsaa sadaffaa Kaaraabaa’oo Kaap Waancaa kan of harkaa qabu Manchistar Siitii fi Leestar Siitiin tapha boru taphataniin xumurama.