Haaromee : Motora Ce’umsa Baadiyaa - ENA Afaan Oromoo
Haaromee : Motora Ce’umsa Baadiyaa
Mootummaan Naannoo Oromiyaa jiruuf jireenya hawaasaa jijjiiruuf gama hundaan hojjetaa jira.Tarsiimoowwan bu'aa qabeessa bocuunis milkaa'inoonni gurguddaan galmaa'aniiru.
Keessattuu,baadiyyaa ceesisuun fayyadamummaan hawaasa baadiyaa akka mirkanaa'u gochuudhaaf sagantaa haaromeetiin hojii hojjetamaa jiruun bu'aa qabatamaa galmeessuun dandaa'ameera.
Sagantaa haaromeetiin fooyya'insa mana jireenyaan gamatti, tajaajilli bishaan dhugaatii qulqulluu, ibsaa, wiirtuu yaala fayyaa,gabaafi kkf qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa akka qaqqabu taasisuun hojii hojjetamaa jiruudha.
Akkasumas,Haaromeen hawaasni baadiyaa dhiyeessii galtee qonnaa dhiyeenyatti akka argatan taasisuu,carraan hojii akka uumamu haala dandeessisu uumuu, ogummaafi dhaweessummaa babal'isuun hawaasa fayyadamaa taasisa.
Walumaagalatti sagantaan Haaromee riqicha ammayyummaa baadiyyatti geessu, dinagdee damdaneessa dhugoomsu,bu'uuralee misoomaa qaqqabamaa taasisuun fayyadamummaa uummataa dhugoomsu yoo ta'u, ida'aman badhaadhina mirkaneessuuf hojii xiiqii guddaan hojjetamaa kan jiru ta’uu odeeffannoon paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaarraa argame mul’isa.