Abbummaa hulaa galaanaa mirkaneeffachuun dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu akkasumas guddina dinagdee saffisiisuuf bu’uura cimaadha - ENA Afaan Oromoo
Abbummaa hulaa galaanaa mirkaneeffachuun dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu akkasumas guddina dinagdee saffisiisuuf bu’uura cimaadha
Fulbaana 7/2019 (ENA) — Abbummaan hulaa galaanaa Itoophiyaa gaaffii jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’uu, akkasumas guddina diinagdee waaraa saffisiisuuf bu’uura cimaa ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbata Geejjibaa Galaanaa fi Loojistiksii Itoophiyaa Injiinar Abdulbar Shamsuun ibsan.
Itoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa ishee dhabuu isheetiin sirna daldala galtee fi al-ergii, akkasumas dameewwan geejjibaa, loojistiksii fi tajaajila buufata doonii irratti dhiibbaa guddaan uumamaa jiraachuu ibsaniiru.
Biyyattiin waggaa waggaadhaan sharafa alaa biliyoona hedduutti lakkaa’amu kaffaluuf dirqamaa ta’uunis guddinaa fi sochii diinagdee waliigalaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuu eeraniiru.
Kunis, ummataa fi mootummaa Itoophiyaatiin gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa kaasamaa jiru sababoota uumamaa, teessuma lafaa, tarsiimawaa fi seera qabeessa irratti kan hundaa’e ta’uu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Injiinar Abdulbar Shamsuun ENA’f akka ibsanitti, Itoophiyaan dandeettii ishee damee geejjibaa fi loojistiksii galaanaa keessatti cimsuuf hojjechaa jirti.
Daandiiwwan daldala galaanaa, akkasumas sochiin loojistiksii fi geejjibaa galaanaa, dooniiwwan gurguddoo, kaappiteenota gahumsa qabanifi bu’uuraalee misoomaa dagaagan fayyadamuun kan raawwataman ta’uu ibsaniiru. Kunis dandeettii Itoophiyaan damee kana keessatti qabdu kan agarsiisu ta’uu eeraniiru.
Itoophiyaan hulaa galaanaa ishee dhabuu isheetiin sochii geejjibaa fi loojistiksii galaanaa irratti dhiibbaa guddaan uumamaa jiraachuu kan ibsan Injiinar Abdulbar, biyyattiin waggoota kumaatamaan lakkaa’amanitti buufatawwan doonii Galaana Diimaa irratti argamanitti fayyadamaa turte jedhaniiru.
Haa ta’u malee, dabaa seenaa keessatti raawwatameen biyyattiin buufatawwan doonii abbummaan qabdu irraa addaan baafamuun damee kana irratti miidhaa guddaa geessisaa jiraachuu ibsaniiru.
Hulaan galaanaa dhabamuun kiraa buufataa, harkifannaa sochii meeshaalee galtee fi al-ergii, akkasumas rakkoolee geejjibaa fi loojistiksii biroo uumuun guddina diinagdee Itoophiyaa irratti dhiibbaa geessisaa jiraachuu eeraniiru.
Abbummaan hulaa galaanaa jiraachuun rakkoolee tajaajila buufataa, geejjibaa fi loojistikii keessatti mul’atan hir’isuun guddina diinagdee saffisiisuu fi bu’uura jireenya lammiilee fooyyeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa Itoophiyaa rakkoolee tajaajila buufataa keessatti mul’atan, kanneen akka dhiphachuu ykn cufamuu tiraanzitii, harkifannaa oomishaalee galtee fi al-ergii, akkasumas kaffaltii kiraa buufataa hir’isuuf bu’uura diinagdee cimaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Kanaaf, gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa Itoophiyaa, kan seenaa, seeraa, teessuma lafaa fi uumamaa irratti hundaa’e, guddina diinagdee waaraa saffisiisuuf dhimma murteessaa ta’uu Injiinar Abdulbar Shamsuun ibsaniiru.
Gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa deebii akka argatuuf taasifamu keessatti lammiin hundi tumsa fi hirmaannaa dammaqinaan taasisuu akka qabu hubachiisaniiru.