Tajaajilli Lammummaa rakkoo hawaasummaa fi dinagdee furaa jira - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Lammummaa rakkoo hawaasummaa fi dinagdee furaa jira
Fulbaana 6/2019 (ENA): Bulchiinsa Dirree Dhawaatti tajaajilli Lammummaa aadaa wal-deeggarsaa cimsuudhaan rakkoo hawaasummaafi dinagdee salphisuu keessatti gumaacha taasisaa jiraachuun ibsame.
Komishinarri Komishinii Dargaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kaalid Mahaammad akka ENA’f ibsanitti; tajaajila Lammummaa Gannaa bara kanaatiin dargaggootaa fi kutaa hawaasaa garagaraa kuma 90 ol hirmaachisuudhaan damelee 14 keessatti hojiiwwan garaagaraa raawwatamaa jiru.
Hojiiwwan tajaajila kanaan raawwatamaa jiran keessaa maaddii qooddachuu, dhiiga arjoomuu, ashaaraa magariisaa, barnoota deeggarsaa, ijaarsa duudhaa nageenyaa fi meeshaalee barnootaa barattootaa walitti qabuu kanneen jedhaman keessatti argamu.
Dameewwan kanaan hanga ammaatti hojiiwwan raawwatamaniin kutaaleen hawaasaa kuma 250 ol fayyadamoo ta'uu isaanii dubbataniiru.
Sektarota Mootummaa Federaalaa fi manneen hojii bulchiinsichaa qindeessuudhaan manneen manguddootaa haaraa 250 ijaarsarra kan jiran yoo ta'u, hanga ammaattis manneen 100 ol ijaarramanii xumuramuun dabarfamanii kennamanii jiraachuun ibsameera.
Tajaajila Lammummaan Manneen 150 haaromsamaa jiran keessaas 80 xumuramuun manguddootaaf kan dabarfaman ta'uus beeksisaniiru.
Hojiin tajaajila Lammummaa aadaa wal-gargaarsaa cimsuudhaan rakkoo hawaasummaafi dinagdee salphisuu keessatti shoora guddaa taphachaa jiraachuu isaanii dubbataniiru.
Hojiin kun waldeeggasa cimaa uumudhaan rakkoo hawaasummaafi dinagdee salphisuuf bu'uura waan kaa'eef fuulduraafis cimee kan ittifuufu ta'uu hubachiisaniiru.
Namoonni tajaajila lammummaa kanaan manni ijaarameefis; tajaajilli Lammummaa haala ulfaataa kanaan dura maatii isaanii waliin keessa jiraachaa turan kan jijjiire ta'uu ibsataniiru.
Deeggarsi hawaasummaa kun rakkina isaanii salphisuu bira darbee, namni isaan yaadatu jiraachuu isaanii gochaan kan agarsiise ta'uu isaanii ibsaniiru.