Tamsaasa Kallatti:

Dirree Dhawaatti hojiin Qulqullina Barnootaa mirkaneessuun dhaloota ga’ooman horachuu cimee itti fufeera

Fulbaana 6/2019 (ENA): Biiroon Barnoota Bulchiinsa Dirree Dhawaa waliin gahinsaa fi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiiwwan eegalaman sadarkaa ol'aanaan itti fufsiisuun hojiin dhaloota bu'a qabeessa horachuu cimee itti fufuu ibseera.

Hogganaan Biiroo Barnoota Bulchiinsichaa obbo Sulxaan Aliiyyii ENA’f akka ibsanitti bara barnootaa haarawa kana keessatti qulqullinaa fi waliin gahinsa Barnootaa fooyyessuudhaan adeemsa baruu fi barsiisuu bu'aa qabeessa taasisuuf hojiiwwan garaagaraa raawwatamaniiru.

Keessattuu waktii Gannaatti sochii "Barnoota Dhalootaaf" jedhuun hirmaannaa uummataatiin ijaarsa manneen barnootaa Idileen duraa haarawaa, manneen barnootaa suphuu fi mooraa bareechuudhaan adeemsa baruu fi barsiisuutiif mijataa gochuudhaaf hojiin hojjetameera jedhan.

Manneen Barnootaa sadarkaa 1ffaa haarawaa dabalataa saddeet ijaarsi isaanii xumuramaa jiranis tajaajilaaf oolchuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.


Dabalataanis, adeemsa baruu fi barsiisuu dijitaalaatti ceesisuuf leenjii fi kompiitaroota, meeshaalee laaboraatorii fi kitabaa guutuuf hojjetamaa jira.

Bara baajataa darbe keessatti qormaata biyyaaleessa kutaa 12ffaa bulchiinsichatti bu'aa gaarii galmeeffame cimsanii itti fufuun dhaloota gahumsa qabu oomishuuf hojiin eegalame cimee itti fufa jedhaniiru.

Itti gaafatamaan Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Saabiyaan Obbo Ejjetaa Mokonnon waggoottan darban keessatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaniin barattoota gahumsa qabanii fi dorgomaa ta'an horachuun danda'ameera jedhaniiru.

Ganna keessa dandeettii barsiisotaa cimsuu fi meeshaalee barnootaa guutuuf hojiin bal'aan hojjetamuu isaatiin barana bu'aa caalu fiduuf hojiin gargaaru hojjetameera jedhaniiru.

Itti aantuun mana barumsaa Sadarkaa 1ffaa "Misraaq Jagnoochi" Fireehiwoot Taaddasee gama isaaniitiin; Barnoota daa'immanii irratti xiyyeeffannoo guddaa kennuudhaan barnoota gochaan deggarame daa'immaniif kennuu eegalleera jedhaniiru.

Maatii barattootaa keessaa Dr. Seeyifuu Taaddasaa akka ibsaniti; Maatiin manneen barnootaa waliin hariiroo fi deeggarsa isaanii cimsachuudhaan ijoolleen isaanii bu’aa gaarii akka galmeessan deeggarsa isaanii akka itti fufan ibsataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015