Tamsaasa Kallatti:

Itoophiyaan garee yaala hatattamaan  Beekamtii Idil-Addunyaa argachuun ishee, dandeettii deebii yeroo balaa tasaa biyyattii qabatamaan kan agarsiisedha

Fulbaana 06 /2019 (ENA): Gareen yaala hatattamaa Itoophiyaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) irraa beekamtii Sadarkaa 1ffaa dhaabbataa argachuun isaa milkaa'ina guddaa dandeettii deebii yeroo balaa tasaa biyyattii agarsiisudha jechuun Ministirri Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa ibsan.

Itoophiyaan sadarkaa Afriikaatti isa jalqaba kan ta'e beekamtii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kan argatte yoo ta'u, sagantaan beekamtii kanaa ifatti gaggeeffameera.

Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa akka ibsanitti Beekamtiin kun qophiifi dandeettii deebii yeroo balaa tasaa biyyattii kan agarsiisuudha jedhaniiru.


 

Balaawwan uumamaa fi dhukkuboota tatamsa'aniif dursanii qopha'uun cimina fayyadama sirna fayyaa, itti fufinsaa fi birmadummaa fayyaa cimsuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Beekamtiin kunis qophii yeroo dheeraa, muuxannoo, filannoo ogeessotaa fi deeggarsa dhaabbilee michootaa irraa kan argamedha jedhaniiru.

De’eetaan Ministira Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaa gamasaanii Milkaa'inni kun dandeettii deebii yeroo balaa tasaa Itoophiyaa qindaa'aa fi cimaa ta'e agarsiisa jedhaniiru.

Itoophiyaan damichaaf xiyyeeffannoo kennuu fi dandeettii gabbifatteen bu'aa kanaaf ga’uushee kan agarsiisudha jedhaniiru.

Beekamtiin argame gabbisa dandeettii fi babal'ina bu'uuraalee misoomaa kan itti fufsiisu yoo ta'u, dandeettii garee wal’ansa hatattamaa gara naannooleetti babal'isuun barbaachisaa ta'uus eeraniiru.

Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa Doktar Masaay Haayiluu Beekamtiin dhaabbata fayyaa Addunyaa (WHO) kun qophiin yeroo balaa tasaa fi ciminni sirna fayyaa Itoophiyaa safartuu Idil-Addunyaatiin madaalamee kan mirkanaa'e ta'uu ibsaniiru.

Kunis deebii biyya keessaa bira darbee hojii yaala saffisaa waliinii Idil-Addunyaa irratti hirmaachuuf dandeettii haaraa uumeera.

Itoophiyaatti bakka bu'aan dhaabbata Fayyaa Addunyaa Piroofeesar Firansiis Chisaaka Kosolo Beekamtiin Idil-Addunyaa Itoophiyaan argatte kun bu'aa hogganummaa biyyaalessaa, investimantii, ijaarsa dandeettii fi tumsa waggoota hedduuti jedhaniiru.

Gaareen wal’aansa balaa tasaa Itoophiyaa Riijinii Afriikaatti beekamtii Idil-Addunyaa argate isa jalqabaa fi ulaagaalee dhaabbata fayyaa Addunyaa guutummaan guutuutti kan guutu ta’uu mirkaneessaniiru.

Beekamtiin kun xumuraa osoo hin taane, qophii, leenjii, shaakala fi dandeettii deebii saffisaa itti fufiinsaan cimsachuu kan gaafatu itti gaafatamummaa ta’uusaa ibsaniiru.

Itoophiyaan muuxannoo ishee biyyoota Afriikaa birootiif qooduufis carraa uuma jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015