Bara baajata 2018tti Finfinneetti balaa tiraafikaa ittisuuf hojiiwwan qindoominaan hojjetaman keessatti bu’aan gaariin galmaa’eera. - ENA Afaan Oromoo
Bara baajata 2018tti Finfinneetti balaa tiraafikaa ittisuuf hojiiwwan qindoominaan hojjetaman keessatti bu’aan gaariin galmaa’eera.
Fulbaana 05/2019 (ENA): Bara baajataa 2018 keessa Finfinneetti balaa tiraafikaa ittisuuf hojiiwwan qindoominaa hojjetamaniin bu’aan gaariin galmaa’uu Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Finfinnee ibseera.
Qajeelchichatti Ajajaan Olaanaa To’annoo Nageenya Tiraafikaa Komaandar Abarraa Baay’isaa sagantaa jalqabbii bara barnootaa 2019 sababeeffachuun, mata-duree “Dogoggora ani itti fayyadama daandiirratti raawwadhuun, balaan tiraafikaa uumamu haa dhaabbatu” jedhuun, sosochii nageenya daandii Addabaabaayii Araat Kiilootti gaggeeffameerratti argamuun ergaa dabarsaniin bara baajataa 2018tti balaa tiraafikaa ittisuuf hojiiwwan qindoominaan hojjetaman irraa kan ka’e bu’aan gaariin galmaa’eeraa kaasaniiru.
Bu’aa argame kana caalmaatti itti fufsiisuuf hojiiwwan qindoominaa ciman akka itti fufan eeranii, hubannoo hawaasaa waa’ee itti fayyadama daandii guddisuun kaayyoo ijoo sochichaa ta’uu ibsaniiru.
Fayyadamaan daandii hundi balaa tiraafikaa ittisuuf gahee mataa isaa akka qabuufi itti gaafatamummaa isaa sirnaan bahuu akka qabuus dabalan ibsaniiru.
Keessumaa konkolaachiftootni dursa daandii miiltootaaf kennuun barbaachisaa ta’uu sirriitti hubatanii konkolaachisuu akka qaban hubachiisaniiru.
Bara baajataa 2018’tti qindoominaa fi sirna hojii waloo taasifameen, baay’inni balaa du’a, balaa cimaa fi balaa salphaa haala hiika qabuun hir’isuun danda’amuu ibsaniiru.
Bu’aan kun kan galmaa’e, nageenya daandii mirkaneessuu fi balaa tiraafikaa ittisuuf hawaasaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu hunda hirmaachisuun hojiiwwan hojjetamuu isaaniitiin ta’uu ibsaniiru.
Bara baajataa 2019’tti balaa tiraafikaa caalmaatti hir’isuuf hirmaannaa hawaasaa cimsuun, nageenya daandii magaalaa mirkaneessuuf hojiiwwan gargaaran daran ciman akka itti fufan ibsaniiru.
Itti Aanaan Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Kutaa Magaalaa Araadaafi Itti Gaafatamaan Waajjira Hojii fi Ogummaa Obbo Abdii Mulunaa, kutaa magaalaa Araadaatti bu’uuraaleen misooma daandii qulqullina isaanii eeggatanii ijaaraman sochii tiraafikaa naannawichaaf haala mijataa uumaniiruun kaasaniiru.
Keessumaa, Addabaabaayii Araat Kiiloo irratti daandii miiltootaa bal’aa fi ammayyaa ijaarame, hawaasni aadaa itti fayyadama daandii duraan ture akka fooyyeffatuuf gahee guddaa taphachuu isaa eeraniiru.
Bu’uuraaleen misooma daandii ammayyaa kunis lafoo deemtonni sodaa tokko malee bilisaan akka socho’an gochuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu isaanii hubachiisaniiru.