Tamsaasa Kallatti:

Lammii Fayyaa qabeessaa Biyya Oomishtu bu’aa imaammata Fayyaa Mootummaa Ida’amuu

Itoophiyaan imaammata fayyaa haaraa egeree tilmaama keessa galchuun hojiirra oolchite, dandeettii mootummaa Ida’amuu waadaa gale hojii irra oolchuu agarsiisan keessaa isa ijoo dha.

Mootummaan Ida’amuu waggoota saddettan darban keessatti dameewwan xiyyeeffannoo itti kenne keessaa tokko misooma hawaasummaatti.

Dameewwan misooma hawaasummaa jalatti ramadaman keessaa dameen fayyaa immoo isa ijoo dha. Ummanni Itoophiyaa tajaajila fayyaa haqaqabeessaa fi qaqqabamaa akka argatuuf, fooyya’insa imaammataa gochuu, bu’uuraalee misooma fayyaa ijaaruu fi humna namaa ogeeyyii fayyaa leenjifamanii cimsuu irratti hojiiwwan bu’aa qabeessa hedduun hojjetamaniiru.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, imaammata fayyaa duraan ittisa dhibee irratti xiyyeeffate gamaggamuun, dhibeen erga mudatee booda yaaluu fi fayyisuufis xiyyeeffannoo akka kennamu taasifamuu ibsaniiru.

Mootummaan waggoota darban keessatti damee kana irratti invastimantii olaanaa taasisuun hospitaalota hedduu ijaaree hojii akka jalqaban taasisuu fi kanaanis hojiiwwan bu’a qabeessi hojjetamuu himaniiru.

Mootummaan Ida’amuu fayyaan hawaasaa guutummaatti yoo eegame oomishtummaa irratti gahee gaarii qabaachuu isaa hubachuun, bu’uuraalee fayyaa ijaaruu qofa osoo hin taane, hawaasni dursee fayyaa isaa akka eeggatuuf bu’uuraalee misoomaa biroo irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Kanaaf, yeroo ammaa Magaalaa Finfinnee dabalatee naannolee biyyattii garaagaraatti misooma koridarii fi misooma qarqara lagaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Carraaqqii mootummaa kana cinaattis, dameen dhuunfaa fayyaa hawaasaa eeguufi bu’a qabeessummaa imaammata kanaaf gahee isaa akka bahuu danda’uuf carraan uumameera.

Itoophiyaan imaammata fayyaa haaraa hojiirra oolchiteefi tarkaanfiiwwan damee fayyaa keessatti fudhatte, sirna fayyaa dandamataa fi rakkoo dandamatu diriirsuu akka dandeesse taasiseera.

Mootummaan hawaasni fayyaan isaa eegame guddinaa fi badhaadhina biyyaaf murteessaa ta’uu hubachuun, waggoota darban keessatti fooyya’iinsa imaammataa bu’a qabeessa ta’an fudhateera. Tarkaanfiiwwan kunneenis dorgommii turizimii fayyaa cimsuu danda’an akka galmaa’an taasiseera.

Jijjiirama dura, imaammanni fayyaa Itoophiyaan hordofaa turte irra caalaa ittisa dhibee irratti kan xiyyeeffate ture. Kunis gama kenninsa tajaajila fayyaa, ijaarsa dhaabbilee fayyaa fi fayyadama teeknooloojii damee fayyaa keessatti hanqina qabaachuun bu’a qabeessummaa sirnichaa irratti rakkoo uumee ture.

Mootummaan Ida’amuu imaammanni damee fayyaa guutuu kan ta’u, ittisa dhibee irratti qofa xiyyeeffachuu osoo hin taane, dhibeen erga mudatee booda yaaluu fi fayyisuunis wiirtuu xiyyeeffannoo imaammataa ta’uu qaba jedhee amanuun, imaammata fayyaa haala kana hammateen akka fooyya’u taasiseera.

Kana malees, Finfinnee giddugala turizimii fayyaa taasisuu danda’an ijaarsa bu’uuraalee misooma fayyaa, tajaajila fayyaa hunda hammataa, maallaqa fayyaa fi fayyadama teeknooloojii irratti xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjetamaa jira. Kana irraa kan ka’e, mootummaa fi damee dhuunfaa keessatti bu’uuraaleen fayyaa teeknooloojii ammayyaa ta’an hedduun ijaaramani, tajaajilaafis oolaniiru.

Kanaaf, Magaalaa Finfinneetti qaqqabamummaa tajaajila fayyaa ammayyeessuu, babal’isuu fi qulqullina isaa guddisuun, meeshaalee tajaajila yaalaa ammayyaa fi sadarkaa isaa eeggate kennuu danda’an galchuun damee fayyaa ammayyeessuuf hojjetamaa jiraachuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee himaniiru.

Damee fayyaa keessatti qulqullina, qaqqabamummaa fi haqaqabeessummaa tajaajilaa mirkaneessuun dhimma ijoodha. Mootummaan Ida’amuu rakkoolee kana furuuf hospitaalotaa fi buufataalee fayyaa haaraa ijaaruu, akkasumas dhaabbilee fayyaa jiran fooyyessuu fi ammayyeessuu irratti hojiiwwan hedduu raawwachuun, qulqullina, qaqqabamummaa fi haqaqabeessummaa tajaajila fayyaa mirkaneessuu keessatti bu’aawwan galmeesseera.

Keessumaa, dhaabbilee yaalaa Magaalaa Finfinnee keessatti argaman meeshaalee fi galteewwan yaalaa ammayyaatiin guutuu fi dandeettii isaanii cimsuun, tajaajila yaalaa haqaqabeessa, qaqqabamaa fi amanamaa kennuuf, akkasumas Finfinnee giddugala turizimii fayyaa taasisuuf mul’ata qabame galmaan ga’u keessatti gahee olaanaa qaba.

Waggoota saddeettan darban keessatti damee fayyaa keessatti hanqinoota turan furuuf hojiiwwan hojjetamuu isaanii kan ibsan Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa, lakkoofsi dhaabbilee fayyaa mootummaa fi qooda oomisha biyya keessaa guddachuu himaniiru. Akkasumas, haguuggiin inshuraansii fayyaa hawaasaa fi fayyadamummaa lammiilee guddisuun guddina damee kanaa agarsiistu jechuun ibsaniiru.

Waggoota saddeettan darban keessatti hojiiwwan damee kana irratti hojjetamaniin guddinni galmaa’uu isaa kan ibsan Ministirittiin, oomishaa fi dhiyeessii qorichaa, talaallii fi galteewwan yaalaa, akkasumas to’annoon isaanii dabalaa dhufuu fi jijjiiramni sirna maallaqa fayyaa keessatti galmaa’e agarsiistota guddina kanaa ta’uu eeraniiru.

Itoophiyaan waggoota darban keessatti, keessumaa damee fayyaa irratti, weerarawwan dhibee addunyaa mudatan fi qormaatawwan damee kana keessatti mul’atan gara carraatti jijjiiruun bu’aawwan gaarii galmeessuu dandeesseetti.

Haaluma kanaan, adda baasuu fi to’achuu weerara dhibee, kunuunsa fayyaa sadarkaa jalqabaa, ogeeyyii fayyaa gahoomsuu fi lakkoofsa isaanii guddisuu, fayyaa dijitaalaa fi hojiiwwan tola ooltummaa garaagaraa damee fayyaa keessatti hojjetaman milkaa’inoota galmaa’an ta’uu Ministirittiin eeruun, dandeettii damee fayyaa keessatti uumameef fakkeenya gaarii ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan Ida’amuu misooma hawaasummaa, keessumaa damee fayyaaf xiyyeeffannoo kenneen, hojiiwwan bu’a qabeessa hedduun raawwatamaniiru.Hojiiwwan bu’a qabeessa damee kana keessatti raawwataman damee dippiloomaasii fayyaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Daabaa ibsaniiru. Kunis Itoophiyaan walga’iiwwan idil-addunyaa damee fayyaa garaagaraa akka keessummeessituuf filatamtuufi, Afrikaa keessaa dursa argachuun mariiwwan fi haasawaalee idil-addunyaa dhimma fayyaa irratti taasifaman akka gaggeessituuf akka ishee dandeessise ibsameera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015