Qormaatawwan Naannichatti mul’atan waaraan furuu Keessatti kutannoon waloo biyyootaa murteessaadha — Dr. Warqinaa Gabayyoo - ENA Afaan Oromoo
Qormaatawwan Naannichatti mul’atan waaraan furuu Keessatti kutannoon waloo biyyootaa murteessaadha — Dr. Warqinaa Gabayyoo
Fulbaana 6/2019 (ENA) — Qormaatawwan naannichatti mudachaa jiran waaraan akka furamaniif tokkummaa fi kutannoon waloo biyyoota miseensotaa murteessaa ta’uu Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Walta’iinsa Misooma Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) Dr. Warqinaa Gabayyoo ibsan.
Manni Maree Ministirootaa IGAD walga’ii ariifachiisaa isaa 74ffaa har’a Jibuutii keessatti gaggeesseera.
Walga’icharratti ministiroonni dhimma alaa fi bakka bu’oonni biyyoota miseensa IGAD hirmaataniiru.
Walga’icharratti nageenyaa fi tasgabbii naannichaa akkasumas dhimmoota ijoo biroo irratti mariin taasifameera.
Barreessaa Olaanaan IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo yeroo kanatti akka jedhanitti, qormaatawwan naannichatti mudachaa jiran waaraan furuuf tokkummaa fi kutannoon waloo biyyoota miseensotaa murteessaa dha.
Hojiiwwan misoomaa fi nageenyaa Sekireetariyaatiin IGAD raawwataman bu’aa jajjabeessaa argamsiisaa jiraachuu ibsuun, dhaabbanni kun badhaadhina uummata naannichaa mirkaneessuuf kutannoo cimaa qabaachuu beeksisaniiru.
Qormaatawwan garaagaraa ji’oo-poolitiksii jiraatanillee, raawwii hojii Sekireetariyaatii IGAD ji’oota jahan darban keessatti galmeesse kan nama jajjabeessu ta’uu dubbataniiru.
Hojiilee bu’uuraalee misoomaa fi damee fayyaa naannichaa keessatti galmaa’an kaasuun, sirni odeeffannoo bishaan lafa jalaa naannichaa tajaajila gahumsaa fi qaqqabummaa fooyya’aa galmeessuu ibsaniiru.
Akkasumas, indeeksii haguuggii fayyaa addunyaa naannichaa dhibbeentaa 60 irraa gara dhibbeentaa 65tti olka’uu fi kunis karoora bara 2027tti dhibbeentaa 70tti guddisuuf qabame galmaan ga’uuf kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru.
Gama biraatiin, Sudaan gara miseensummaa guutuu IGADtti deebi’uun tumsa fi tokkummaa naannichaa daran cimsuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Barreessaan Olaanaa kun yeroo Adoolessa 2026 Sudaan daawwatanitti, Waajjirri Buufata IGAD Sudaanitti argamu irra deebi’uun ifatti banamuu yaadachiisuun, tarkaanfiin kun walitti dhufeenya kallattii fi waaraa IGAD’n uummata naannichaa waliin qabu daran cimsuun akka itti fufu kan taasisu ta’uu ibsaniiru.
IGAD Gamtaa Afrikaa, dhaabbilee Mootummoota Gamtoomanii fi michoota tarsiimawaa biroo waliin hariiroo qabuun misooma waaraa naannichaaf murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Tumsi kun dandeettii biyyoota Baha Afrikaa cimsuu keessatti gahee olaanaa akka qabuus kaasaniiru.
Balaa jijjiirama qilleensaa gara fuulduraatti uumamuu danda’u sirna akeekkachiisa duraa cimsuun dandamachuuf hojmaatawwan barbaachisoo qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
Biyyoonni balaa jijjiirama qilleensaa El Ninoon fiduu danda’u hir’isuuf hojiiwwan qophii duraa cimsuu akka qaban hubachiisaniiru.
Gama biraatiin, naannicha hubannoo namtolchee waliin walitti hidhuu fi bu’uura misoomaa teeknoolojiin deeggaramu diriirsuuf hojiiwwan jalqabaman abdachiisaa ta’uu ibsaniiru.
Walga’ichi nageenya, tasgabbii fi guddina diinagdee waliigalaa naannichaa saffisaafi bu’a qabeessa taasisuuf dhimmoota biyyaalessaa fi naannawaa irratti mari’achuun, murteewwan dabarsuun xumuramuu odeeffannoon ENAn Sekireetariyaatii IGAD irraa argate ni mul’isa.
Manni Maree Ministirootaa IGAD caasaalee imaammataa ijoo dhaabbatichaa keessaa tokko yoo ta’u, hojiiwwan dhaabbatichaa qindeessuu fi biyyoota miseensotaa gidduutti tumsa jiru cimsuu keessatti gahee olaanaa kan qabuudha