Tamsaasa Kallatti:

Tajaajila Lammummaan deeggarsi Meeshaalee Barnootaa taasifame

Fulbaana 06 /2019 (ENA): Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Jiddaa Magaalaa Sirxiitti Tajaajila Lammummaan deeggarsi Meeshaalee Barnootaa taasifameera.

Sagantaa Kanaan Bulchiinsi Magaalaa Sirxii deeggarsa Meeshaalee Barnootaa Barattoota maatiin harka qalleeyyii ta’aniif taasiseera.

Saganticharrattii Hojii Gaggeessaa Bulchiinsa Magaalaa Sirxii Obbo IyyaasuuGizaawu, kenni tajaajila lammummaa tokkummaa fi walooma hawaasa gidduutti kan cimsu ta’uu ibsaniiru.


Rakkoo hawaasaa waloon furuuf humna, beekumsaa fi qabeenya jiru walitti fiduun wal tumsuun murteessaa ta'uu dubbataniiru.

Dabalataanis Tajaajilli Lammummaa duudhaa ganamaa utubaa waloomaa fi bu’uura waliin jireenya hawaasaa waan ta'eef, rakkoolee hawaasummaa hirmaannaa waloon furuu keessatti qooda olaanaa qabaachuus ibsanii jiru.

Akka walii galaatti hojii gaarummaa barattoota maatii harka qalleeyyii deeggaruuf kan taasifame uffata Yuniifoormii mana barnootaa, dabtara,fi Qalama(kobbee)n Barattoota 760’f kan kenname ta’uun eerameera.

Itti gaafatamaan Waajjira Barnoota Aanaa Jiddaa obbo Dirribaa_Waganee, Tajaajilli Lammummaa rakkoo hawaas -dinagdee Maatii barattootaa harka qal’eeyyii furuun adeemsa baruu fi barsiisuu milkeessaa jiraachuu dubbataniiru.

Magaalichatti waggoottan darban deeggarsi daa’imman harka qal’eeyyiif taasifameen harcaatiin barattoota maneen barnootaa keesatti ammaan dura mudachaa ture xiqqaachaa dhufuusaa ibsaniiru.

Tajaajilli Lammummaa duudhaa ganamaa utubaa waloomaa fi bu’uura waliin jireenya hawaasaa waan ta'eef, rakkoolee hawaasummaa hirmaannaaf tumsa waloon furuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu eeruun

Hojii gaarummaa bulchiinsi magaalichaa rakkoo hawaasa isaa giddu galeeffachuun raawwate galateeffachuun barattoonni deeggarsi taasifameefis barnoota isaanii xiyyeffachuun akka hordofan dhaamaniiru.

Maatiin barattootaa deeggarsi taasifameef hojii gaarummaa bulchiinsi magaalaa barattoota isaaniif taasise galateeffachuun aadaa fi duudhaan kun egeree ijoollee isaaniif abdii barnootaa akka qabaatan kan tumsu ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015