Tamsaasa Kallatti:

Barnoonni bara barnootaa 2019 Naannoo Oromiyaa har’a eegaleera- BBO

Fulbaana 05/2019(ENA): Sini baruu fi barsiisuu bara 2019 Naannoo Oromiyaatti eegalamuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa ibseera.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Tolaa Bariisoo(PhD), Magaalaa Adaamaatti Mana Barnootaa Gadaa Kilooleetti argamuun sirna baruufi barsiisuu bara 2019 jalqabsiisaniiru.


 

‎Barsiisonni beekumsa qabaniin barnoota qulqullina qabu akka kennan, maatiin barattootaas ijoollee isaanii itti dhiyeenyaan akka hordofan, barattoonnis qabxii gaarii galmeessisuuf barnootasaanii sirnaan akka qayyabatan dhaamaniiru Dr. Tolaan.


 

‎Bara barnootaa 2019 barattoota miliyoona 13fi kuma 500 barsiisuuf karoorfame keessaa hanga har’aatti barattoonni miliyoonni 7 qofti galmaa'uu himuun, Dilbata dhufuun booda galmeen kamiyyuu akka hin jirre eeranii, maatiin barattoota hafan dafee galmeessuun barnoota eegalchiisuu akka qabu dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015