Tamsaasa Kallatti:

Abbaan Taayitaa Hambaalee Itiyoophiyaa barreeffamoota harkaa Biraannaa 17 Ameerikaa  irraa deebi'an dhaabbilee adda addaa torbaaf dabarsee kenne

Fulbaana 5/2019 (ENA): Abbaan Taayitaa Hambaalee Itiyoophiyaa barreeffamoota harkaa Biraannaa 17 Ameerikaa irraa deebi’an dhaabbilee adda addaa torbaaf dabarsee kenneera.

Akka Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Hambaalee Itiyoophiyaa sirna kana irratti argamanii  gargaaraa Piroofeesaraa Ababaawu  Ayyaaloo ibsanitti, hambaalee kana deebisuuf tattaaffii taasifameen meeshaaleen hedduun deebifamaniiru jedhani.


 

Har’a meeshaaleen biyyaalessaa gatii guddaa qaban gara biyyattiitti deebi’uun kuni  guyyaa addaa ta’uu eeruun, hojiin meeshaalee biroo deebisanii biyyatti galchuu cimee akka itti fufuu fi gara fuulduraatti meeshaaleen Itiyoophiyaa hedduun gara biyyaatti akka galfaman akeekaniiru.

Qaamolee meeshaalee kana gara Itiyoophiyaatti deebisuuf tattaaffii taasisan hundaas galateeffataniiru.

Itti aanaan daayreektarri olaanaa abbaa taayitichaa obbo Eeliyaas Shukur gama isaaniitiin akka himanitti,  Meeshaaleen durii adda addaa fi kitaabonni Itoophiyaa keessaa bahanii turan qaamota adda addaatiin walitti qabamanii gara biyya isaaniitti deebifamaa jiru jiru jedhani.

Hojiin kun waggoota 7 darban keessatti meeshaalee 67 ol gara biyyaatti deebisuun milkaa’uu ibsaniiru.

Barreeffamoonni harkaa har’a deebi’an seenaa beekumsa dheeraa Itoophiyaaf ragaa ta’uu akeekaniiru.


 

Miseensa koree deebisuu hambaa Dr. Aluulaa Pankiristi barreeffamoonni harkaa Biraannaan 17 kun gara biyyaatti deebifamuun isaanii saganticha adda akka taasisu ibsuun, qaamolee fi gareewwan meeshaaleen kunniin akka deebifamaniif deeggarsa taasisan galateeffataniiru.

Dhaabbileen barreeffamoota harkaa deebi’an fudhatan torban: Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa, Ejensii Kuusaa fi Mana Kitaabaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, Abbaa Taayitaa Hambaalee Itiyoophiyaa, Dhaabbata Qorannoo Itiyoophiyaa, Qulqulluu Sinoodoosii, Seeminaarii Makaana Yesuus fi Akkaadaamii Haayilee Maanaas dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015