Tamsaasa Kallatti:

Obbo Isaayyaas Jiraa Pirezidantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ta'uun filataman

Fulbaana 5/2019(ENA) Obbo Isaayyaas Jiraa yeroo 3ffaaf walitti aansuun Pirezidantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ta'uun filatamaniiru.

Federeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa yaa'ii waliigalaa 18ffaa adeemsisaa kan jiru yoo ta'uu Obbo Isaayyaas Jiraa irra deebiin yeroo 3ffaaf Federeshinicha Pirezidaantummaan akka gaggeessaniif filatamaniru.


 

Obbo Isaayyaas bara bulchiinsa isaanii waggoota 4'n itti aanan keesssatti misooma kubbaa miilaa Itoophiyaa caalmaatti guddisuu dabalatee gareen biyyaalessaas waltajjii gurguddaa irratti akka hirmaatuuf kutannoon kan hojjetan tahuu waadaa galaniiru.

Obbo Isaayyaas Jiraa sagalee 88 keessaa sagalee 81 argachuun waggoota 4 itti Aanan Pirezidaantummaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa irra deebiin gaggeessuuf filatamaniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015