Pirojektiin Omishaa fi omishtummaa Qamadii biyyattii guddisuun Qonnaan bulaa fayyadamaa taasisuu hojiirra oolaa jira - ENA Afaan Oromoo
Pirojektiin Omishaa fi omishtummaa Qamadii biyyattii guddisuun Qonnaan bulaa fayyadamaa taasisuu hojiirra oolaa jira
Fulbaana 5/2019 (ENA) Biyyattii keessatti oomishaa fi oomishtummaa qamadii guddisuun fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuuf gargaaru pirojektiin walitti hidhaminsa Sona misooma qamadii hojii irra oolaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Ministeerichi ENA’f akka ibsetti, Itoophiyaa keessatti pirojektiin misooma qamadii haala jijjiirama qilleensa Itoophiyaa dandamatu hojii irra oolaa jira.
Pirojektiin kun sanyiilee qamadii hongee, ho'a ol'aanaa, ilbiisotaa fi jijjiirama roobaa hin eegamne dandamatan fayyadamuu irratti kan xiyyeeffatu ta'uun ibsameera.
Pirojektichi hojiileen deeggarsaa fi hordoffii misooma qamadii irratti gaggeeffamani oomisha qofa irratti kan daangeffaman osoo hin taane, guutuummaan sona misoomaa kan hammatu ta'uun eerameera.
Hojiin kun qonnaan bultootaaf dhiheessii sanyii fi teeknoolojii irraa eegalee hanga sassaabbii , kuusaa, fi oomishichaa gabaa keessaa fi alaaf dhiheessuutti hojiiwwan jiran guutumaan guutuutti kan salphisu ta'uun ibsameera.
Walumaa galatti, biyyattii dhiibbaa jijjiirama qilleensaan osoo hin jilbeeffatin oomisha qamadii ishee dabaluun wabii nyaataa ishee mirkaneessuu fi dandeettii gara alaatti erguu ishee cimsuuf sochii qindaa'aa gochaa jirtu kan deeggaru ta'uun eerameera.
Ministeera Qonnaatti Qindeessaan pirojektichaa obbo Abdulsamad Abdoo ENA’f akka ibsanitti, pirojektiin kun Naannoolee Oromiyaa, Amaara, Sumaalee fi Affaar keessatti hojii irra oolaa jira.
Kanaanis naannoolee kana keessatti kan argaman Aanaalee 76 fi gandoota kuma 1 fi 129 pirojektichaan fayyadamoo gochuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuun ibsameera .
Pirojektii waggaa shaniif hojii irra oolu kanaan naannoolee sana keessatti oomisha fi oomishtummaa qamadii fooyyessuudhaan qonnaan bultoota qabeenya xiqqaa qaban guddina galii isaanii mirkaneessuuf hojiileen dandeessisan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojiilee kanaan walqabatanii hojjetamaa jiran keessaa dhiheessiin sanyii isa ijoo ta'uu eeruun, kanafis dhaabbilee qorannoo qonnaa sadarkaan jiran waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu yaadachiisaniiru.
Pirojektiin kun hojii irra ooluu isaatiin waggoota lamaan darban keessatti sanyii qamadii daabboo fi mokkoroonii qulqullinaan oomishudhaan qonnaan bultoota pirojektichaan hammatamaniif raabsuun danda'amuu ibsaniiru.
Kunis dhiheessii sanyii jalqabaa fooyyessuu bira darbee oomishaa fi oomishtummaa qamadii guddisuuf kan dandeessise ta'uun hubatameera.
Pirojektiin kun gabbina fi fayyaa biyyee waliin walqabatee naannoolee qamadii oomishan keessatti rakkoo dhangaggaa'ina biyyee bal'inaan mudatu salphisuufis xiyyeeffannoo kennuu qindeessaan kun yaadachiisaniiru.
Kanaan walqabatee dhimma fayyadama nooraa irratti qonnaan bulaaf leenji kennuun xiyyeeffannoon kennamuu qindeessaan kun ibsaniiru.
Dhiheessii nooraa haala fulla’aa ta'een mirkaneessuuf naannoolee Amaaraa fi Oromiyaa keessatti waarshaan nooraa daakuu gurguddoon dhaabamaa kan jiran ta'uun ibsameera.
Naannoolee jallisii ammayyaaf mijaataa ta'an keessatti ijaarsi pirojektii jallisii 18 saffisaa jiraachuu ibsan itti gaafatamaan sun, fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf wiirtuulee meekaanaayizeeshinii ijaaruu cinaatti Naannoolee Afran keessatti man-kuusaa qamadii gurguddaa fi giddu galeessaa 49 ijaaruun hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Pirojektiin kun deeggarsa doolaara miiliyoona 94 tuqaa 3 Baankii Misooma Afriikaarraa argameen hojii irra kan oolu, qooda mootummaan oomisha fi oomishtummaa qamadii guddisuuf tarsiimoo qabame milkeessuu keessatti qooda murteessaa qaba jedhaniiru.