Hojiileen hirmaannaa fi qulqullina barnootaa naannicha eegsisuuf hojjetaman cimee itti fufa – Pireesidaanti Ordiin Badirii - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen hirmaannaa fi qulqullina barnootaa naannicha eegsisuuf hojjetaman cimee itti fufa – Pireesidaanti Ordiin Badirii
Fulbaana 5/2019 (ENA): Hojiiwwan hirmaannaa fi qulqullina barnootaa naannoo Harar eegsisuuf hojjetamaa jiran cimee itti fufa jedhan pireesidaantiin Naannichaa obbo Ordiin Badirii.
Naannichatti bu’aa gaarii bara 2018 damee barnootaatiin argameef sagantaa beekamtii kennuun gaggeeffameera.
Akka piresidaanti Ordin Badirii saganticha irratti argamuun ergaa dabarsaniin, hirmaannaa barattootaa fi qulqullina barnootaa naannichaa eeguuf hojiiwwan hojjetaman keessatti bu’aan jajjabeessaan galmaa’eera.
Fakkeenyaaf, bu’aan qormaata biyyaalessaa fi naannoo kutaa 12ffaa, 8ffaa fi 6ffaa naannichatti bara barnootaa darbe kanatti bu’aan gaariin dhufuu himaniiru.
Hojiin qindoominaan hoggansa barnootaa, barsiisonni, maatiin barattootaa fi qooda fudhattoonni biroo hojjetan bu’aa qorannoo fooyyessuuf gumaacha akka qabu eeruun, ammas hojiin hojjetamuu qabu akka jirus eeraniiru.
Bara kanas bu’aa barattootaa fooyyessuu fi lammiilee gahumsaa fi dorgomaa ta’an horachuuf hojiiwwan qindoomina qaban cimee akka hojjetamu akeekaniiru.
Itti Gaafatamaan Biiroo Barnootaa Naannichaa obbo Geetuu Nagawoos gama isaaniin hojiiwwan sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuu fi qabeenya dhiyeessuun qulqullina barnootaa naannichaa mirkaneessuuf hojjetamaa ture bu’a qabeessummaa damichaaf gumaacheera jedhan.
Barattoota Kutaa 12ffaa, 8ffaa fi 6ffaa waggaa waggaan barattoonni qormaata darban dabalaa dhufuu eeruun, keessumaa kutaa 6ffaa fi 8ffaa irratti immoo manneen barnootaa dhibbeentaa 100 dabarsuu danda’an magaalaa fi baadiyyaa keessatti hundeeffameera jedhani.
Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf rakkoolee damichaa hiikuuf waliin hojjechuun hojiin hojjetamaa jiru cimee itti fufa jedhaniiru.
Sagantaan kun manneen barnootaa, aanaalee, hoggantoota barnootaa, barsiisota, dura bu'oota barnootaa fi kanneen biroo damee barnootaa keessatti bu'aa jajjabeessaa galmeessaniif beekamtii kenneera.
Barattoota qormaata kutaa 12ffaa qabxii 500 ol galmeessisaniifis keessummaa kabajaa ta’uun kan argaman piresidaanti Ordiin Badiriin badhaasa qarshii kennaniiruufi.