Tamsaasa Kallatti:

Otizimii Balbala Namoota Hedduu seenaa jiru

Otizimii dijitaalaa kan akka qoosaatti balbala namoota hedduu seenaa jiru akkamitti to’achuun danda'ama?

Namni tokko otizimii qaba yeroo jedhamu mallattoon isaahoo maali?

Ogeettii yaala fayyaa sammuu kan ta’an aadde Ma’aazaa Mankir ENA waliin turti taasisaniin mallattoolee, miidhaawwanii fi of eeggannoowwan otizimii (virtual autism) irratti ibsa kennaniiru.

Guddinni daa’immanii sadarkaalee afur ta’uu himanii, isaanis guddina afaanii, hubannoo wantootaa, (haalawwan), guddina qaamaa fi guddina hawaasa waliin walii galuu ta’uu ibsani.

Kana bu’uura godhachuun Daa’imni tokko sadarkaa guddinaa afranuu keessatti haala madaalawaa ta’een yoo guddatu fayyaa guutuun guddate jedhama jedhani.

                                                                                                                

Maalummaa otizimii

Ogeettiin kuni akka jedhanitti  otizimiin bakka lamatti akka qoodamu dha kan dubbatan.  Inni jalqabaa daa’imman dhibee otizimii ispeektarmii otizimii yaalaatiin adda baafame (otizimii jalqabaa) qaban jedhamee ibsama.

Inni lammaffaan immoo otizimii dhugaa (virtual autism) yoo ta’u, kunis daa’imman mallattoo otizimii wajjin walfakkaatu agarsiisan, garuu otizimii jalqabaa hin taane agarsiisa jechuudha.

Haa ta’u malee, daa’imni tokko mallattoolee armaan olitti ibsaman afran keessaa lama, keessumaa hanqina afaanii fi hanqina walqunnamtii hawaasummaa fi walii galuu dadhabuu  yoo qabaate , akka otizimii sadarkaa duraa qabanitti fudhatama jedhan aadde Ma’aazaan.

Sababoonni otizimii dhugaa (virtual autism) saaxilan maal faati?

Daa’imman dhalatanii hanga waggaa sadiitti sa’aatii dheeraaf bilbila ismaartii, taableetii fi televijiinii kan ilaalan yoo ta’e dhibee kanaaf saaxilamoo akka ta’e aadde Ma’aazaan ibsaniiru.

Kana hordofuun daa’imman namoota waliin walitti dhufeenya dhabuu fi waan addunyaa dhugaa keessatti ta’aa jiru arguu dhabuu irraa kan ka’e amala hin baratamne (haaraa) akka horatan taasisuun, amaloonni kun immoo kan otizimii fakkaatu (virtual autism) ta’uu isaanii ibsaniiru.

Sababni otizimii maali? Akkamitti dhufa? Isa jedhuuf Ogeettiin kuni dhimmi kuni qoratamaa jiraachuu eeruun, Haa ta'u malee, sababni otizimii dhugaa (virtual autism) ni beekama. Sababni isaas daa’imman sa’aatii dheeraaf fi irra deddeebi’anii (yeroo baay’ee) iskiriiniif saaxilamuu isaaniiti jedhan.

Ijoolleen teeknooloojii yoom fayyadamuu qabu?

Akka ogeettiin kuni kun himanitti, Ijoolleen dhalatanii hanga waggaa lamaatti tasuma akka itti hin fayyadamne ni gorfama jedhan. Yeroo kanatti warra isaanii wajjin haasa’uu, naannoo isaanii daawwachuu fi addunyaa dhugaa sochii fi tuqaatiin hubachuun ni gorfama jedhani.

Teeknooloojiitti fayyadamuun yoo barbaachise daa’imman umurii waggaa lamaa hanga jahaa ta’uu akka qabu kan eeran yoo ta’u, Ijoolleen viidiyoo afaan (haasawa) jajjabeessan akka ilaalan, dandeettii afaanii akka horatan, akkasumas ga’eessota barsiisota ta’an waliin tapha akka taphatan, akkasumas guyyaatti daqiiqaa 30 ol akka hin ilaalle ni gorfama jedhani.

Wal'aansa

Kutaan wal'aansaa inni jalqabaa gosa otizimii adda baasuu akka ta'e kan ibsu ogeettiin kuni.

Akkasumas manaa baasanii ijoollee waliin taphachuun sochiiwwan addunyaa dhugaa, akkaataa jireenyaa akka arganii fi hubatan gochuun sirrii ta’uu ibsani.

Akkasumas harkifannaa afaanii (haasawaa) cimaa yoo ta’e kana jechuun hiriyoota isaanii biraa baay’ee duubatti hafan ijoolleen “wal’aansa dubbii” akka fudhatan ni gorfama jedhani.

Itti dabaluunis warri ijoollee isaanii gara maatii fi bakka bashannanaatti geessuun walitti dhiyeenya namoota waliin qaban dabaluu fi ijoollee isaaniif xiyyeeffannoo fi yeroo isaanii kennuu akka qaban ibsaniiru.

Yoo sadarkaa jalqabaan fayyuu didan gara mana yaalaa geessuun barbaachisaa ta’uu dubbatani aadde Ma’aazaan.

Walumaagalatti garuu, wal’aansi otizimii yeroo baay’ee qoricha osoo hin taane leenjii barnootaatiin aka kennamu eeruun, yoom akka fayyu beekuun akka hin danda’amne ibsaniiru.

Yaada Gorsaa

Teeknooloojiif saaxilamuun dhimma addunyaa ta’uu ibsuun, itti fayyadama isaa irratti of eeggannoo gochuun sirrii ta’uu aadde Ma'aazaan dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015