Tajaajilli Lammummaa Kaappitaala Hawaasummaa Gara Kaappitaala Dinagdeetti Jijjiiruuf Bu'uura Ta'a! Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Lammummaa Kaappitaala Hawaasummaa Gara Kaappitaala Dinagdeetti Jijjiiruuf Bu'uura Ta'a! Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa
Fulbaana 05/2019 (ENA)-Misoomni waaraan qabeenya qabaachuu qofa irraa hin maddu; dandeettii qabeenya uumuu irraa dhufa. Yaada bu'uuraa kanarratti hundaa'uun, Tajaajilli Lammummaa Oromiyaa humna hawaasaa faca'ee jiru gara dandeettii waloo, dandeettii waloo ammoo gara humna oomishtummaatti jijjiiruuf imaammata qabatamaa ta'een hojjechaa jira.
Kaayyoon isaa guddaan hojii tola-ooltummaa yeroo tokko raawwachuu caalaa, hawaasa rakkoo isaatiif furmaata alaa eeggatu irraa gara hawaasa furmaata ofii uumuu danda'utti ceesisuudha.
Tajaajilli Lammummaa hojii mootummaa bakka bu'uuf miti.
Kaayyoon isaa ijoon humna mootummaafi humna hawaasaa walitti qindeessuun, hojii mootummaa qofaan raawwatamuu hin dandeenye gara hojii waloo bu'a qabeessaatti ceesisuudha.
Imaammanni kun ijaarsa dinagdee hawaasa-bu'uureffatee cimsuuf kan xiyyeeffatu yoota'u, qindoomina beekumsaa, humna namaa, qabeenyaafi yeroo hawaasaa kaayyoo waloo jalatti gurmeessuu, ijaarsa dandeettii hawaasni ittiin rakkoo isaa hubatee furmaata baafatu cimsuu, akkasumas itti fufiinsa bu'aa hojii tokkoo bara sanatti dhaabbachuu osoo hin taane, sirna hawaasni ittiin ittuma fufee qabeenya uumu ijaaruu irratti xiyyeeffata.
Hawaasni yeroo kaayyoo waloo jalatti gurmaa'u, beekumsaafi humna dhuunfaa caalaa bu'aa guddaa fiduu akka danda'u muuxannoon waggoota darbanii ni mul'isa.
Kallattiin imaammataa Tajaajila Lammummaa keessatti murteessaan, bu'aan hojii sanaa qofaan osoo hin taane, dandeettii hawaasaa kan itti fufiinsaan hojii waloo raawwachuu danda'u ijaaruu isaatiin madaalamuu qaba.
Mana barumsaa ijaaruun bu'aa tokko; hawaasni mana barumsaa ofii ijaaruu danda'uu isaa immoo dandeettii.
Sulula misoomsuun bu'aa tokko; hawaasni qabeenya uumamaa ofii tiksuu danda'uu isaa dandeettii.
Bu'uuraalee misoomaa ijaaruun bu'aa tokko; hawaasni yeroo barbaachisaa ta'etti bu'uuraalee ofii ijaaruu danda'uu isaa immoo dandeettii waaraadha.
Adda baasuun kun imaammata Tajaajila Lammummaa keessatti furtuu ta'ee kan tajaajilu yoota'u, xiyyeeffannaan hojii mara keessatti bu'aa dhumaa qofa irratti osoo hin taane, gama dandeettii hawaasaa cimsuutiin madaalamuu qaba jechuudha.
Kaayyoon imaammataa kun hojii qabatamaa keessatti argama. Bara 2012 hojiilee muraasaan kan jalqabe Tajaajilli Lammummaa, waggoota muraasa keessatti gara sochii hawaasa bal'aa hirmaachisutti guddateera.
Hanga bara 2018'tti, hojiileen gosa 72 keessatti raawwatamaniiru; bu'aan tilmaamaan Birrii tiriliyoona 1.1 ol uumameera.
Hojiiwwan kunneen eegumsa qabeenya uumamaa, misooma sululaafi Ashaaraa Magariisaa, ijaarsa manneen barnootaafi manneen dubbisaa, paarkiiwwan dijitaalaa, manneen jireenya barsiisotaa, bu'uuraalee misoomaa, akkasumas bishaan dhugaatiifi tajaajila hawaasummaa hammatu.
Kaayyoon guddaan imaammata kanaa, humni hawaasaa qindaa'e yoota'u, oomishtummaan damee tokko qofatti akka hin daangeffamne, dameewwan adda addaa keessatti akka babal'atuufi wal jajjabeessu taasisuudha.
Kanaafuu, Tajaajilli Lammummaa kaappitaala hawaasummaa; hariiroo, amanamummaa fi hirmaannaa hawaasaa gara kaappitaala dinagdee; qabeenya, bu'uuraalee misoomaafi dandeettii oomishtummaatti jijjiiruuf bu'uura ta'a.
Kallattiin imaammataa kun murtaa'aafi bara baraan hojiirra kan oolu yoota'u, dhaabbileen mootummaa, hawaasni, gamtaawwan hawaasummaafi qaamoleen dhuunfaa akka waliin hojjetan kan jajjabeessuudha.
Kanaan, ijaarsa bu'uuraafi bu'aa yeroo gabaabaa qofa irratti xiyyeeffachuu irraa gara dandeettii hawaasaa yeroo dheeraa qabeenya uumuu danda'u ijaaruutti ce'uun barbaachisaadha.
Hojiin Tajaajila Lammummaa kamiyyuu dursa dandeettii hawaasaa ijaaruu irratti kan xiyyeeffatu ta'uu qaba malee bu'aa qofa irratti osoo hin taane; waldaan hojii, qindoominni damee hawaasaafi mootummaa gidduu jiru immoo cimuu qaba, kunis milkaa'ina hojii kanaa keessatti kallattii murteessaa ta'ee itti fufa.
Tajaajilli Lammummaa Oromiyaa, karaa imaammata qabatamaafi muuxannoo barootaan cimseen, hawaasa Oromiyaa gara humna dandeettii waaraa qabuutti geessuuf kallattii ifa ta'e qaba.
Bu'aan isaa qarshiin madaalamu qofaan hin daangeffamu; bu'aan guddaan isaa, hawaasni mootummaa waliin ta'uun misooma ofii ijaaruu danda'uu isaati.
Kanaafuu, kallattiin imaammataa Tajaajila Lammummaa itti fufiinsaan cimee, kaappitaala hawaasummaa Oromiyaa gara kaappitaala dinagdeetti jijjiiruuf bu'uura jiru cimsuun kan ittifufu ta'a.
Maddaa-Oromia Piresident Office