Tamsaasa Kallatti:

Milkaa’inoonni Hojiilee Riifoormii Yeroo Gabaabaa Keessatti Galmaa’an Itoophiyaa gara Olka’insa hundagaleessaatti ceesisuu danda’aniiru

Fulbaana 5/2019 (ENA) — Milkaa’inoonni Hojiilee Riifoormii Yeroo Gabaabaa Keessatti Galmaa’an Itoophiyaa gara olka’insa hundagaleessaa fi sadarkaa olaanaatti ceesisuu danda’uu isaanii hooggantoonni mootummaa olaanoon ibsan.

ENAn mata duree “Bayyanachuun gara Olka’insaatti” jedhuun marii paanaalii gaggeesseera.

Marii paanaalii kanarratti, Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimokiraasii Mana Maree Bakka bu’oota Ummataa Obbo Iwunatuu Aallenee, Itti Aanaa Walitti Qabaa Koree Dhaabbii kanaa Obbo Azmaraawu Andaamoo, Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa Aadde Hayimaanot Zallaaqaa, De'eetaan Ministira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Tasfaahuun Gobazaay, akkasumas Hojii Raawwachisaa Olaanaan ENA Obbo Sayifee Darribee hirmaataniiru.


Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimokiraasii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Iwunatuu Aallenee akka jedhanitti, bara 2018tti humni bayyanachuu biyyattii qabatamaan kan itti mul’ate, qormaatawwan mudatan gara carraa fi milkaa’inaatti kan itti jijjiiraman ture.

Filannoon Waliigalaa 7ffaan karaa dimokiraatawaa ta’een xumuramuun isaa Itoophiyaafis ta’e Afrikaaf fakkeenya guddaa ta’uu ibsaniiru.

Bara baajataa darbe keessatti damee hundaan bu’aawwan gaariin galmaa’uu isaanii fi Itoophiyaanonni mallattoo cichoominaa fi cimina ta’uu isaanii hojii irra oolchuun mirkaneessuu isaanii eeraniiru.

Dabalataanis, mariin biyyaalessaa milkaa’inaan xumuramuun isaa injifannoo dhaloonni gara fuulduraatti seenaa keessatti yaadatu ta’uu ibsaniiru.


Itti Aanaan Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimokiraasii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Azmaarawu Andaamoo gama isaaniin, Itoophiyaanonni yaada bilisaan maddisiisuu irraa kaasee hanga yaada walitti qabuu, qindeessuu fi yaadawwan biyyaaf bu’aa qaban maddisiisuu ga’uun, mariin biyyaalessaa milkaa’inaan akka gaggeeffamu taasiseera jedhan.

Mariin biyyaalessaa kunis dhimmoota walitti bu’insa fidan marii fi waliigalteen furuuf aadaa fi muuxannoo jiru akka dagaaguuf bu’uura kaa’uu ibsaniiru.


Daarektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa Aadde Hayimaanot Zallaqaa, waggoota saddeettan darban keessatti damee miidiyaa irratti hojiileen riifoormii milkaa’inaan raawwatamuu ibsaniiru.

Labsii Miidiyaa haaraa Lakkoofsa 1238/2013n Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa qaama miidiyaa to’atu qofa osoo hin taane, miidiyaalee deeggaru, hordofu, dandeettii isaanii cimsuu fi haala hojii isaanii fooyyeessuuf hojjetu akka ta’uuf bu’uura kaa’uu ibsaniiru.

Abbaan Taayitaa Miidiyaa kun keessumaa dandeettii miidiyaalee deeggaruu fi cimsuu keessatti hojii bu’a qabeessa hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Yeroo ammaa kana giddugala leenjii fi gahumsaa haaraa hundeessuun, keessumaa dandeettii ogeessota miidiyaa damee isaanii irratti hundaa’uun gaazexeessummaa dagaagsuu fi cimsuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Kana malees, hojii to’annoo fi deeggarsaa gidduutti madaallii eeguun hojii fooyya’aa hojjetamaa jiraachuu ibsanii; kunis miidiyaaleen faayidaa biyyaalessaa kabajanii akka hojjetan gochuu keessatti fooyya’insi akka galmaa’u taasiseera jedhaniiru.

De'eetaan Ministira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Tasfaahuun Gobazaay, hojiiwwan bayyanachuu biyyattii gara sadarkaa olaanaa fi olka’insaatti ceesisuuf hojiilee bu’uuraa lama irratti xiyyeeffatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Inni jalqabaa, Itoophiyaan waadaa galte kan raawwattu ta’uu ishee kan mul’isu maqaa fi fakkii biyyaalessaa (Brand) gaarii ijaaruu ta’uu eeraniiru.

Inni lammaffaan immoo, lammiileen dhimmoota biyyaalessaa irratti ittiin waliigalan, akkasumas bu’aa itti fufiinsa qabuuf bu’uura kan ta’u seenessaa biyyaalessaa waloo uumuu ta’uu ibsaniiru.

Kana milkeessuu keessatti dhaabbileen miidiyaa fi kominikeeshinii gahee olaanaa akka qabanis hubachiisaniiru.

Kana irraa ka’uun, miidiyaaleen haala miidiyaa dijitaalaa tilmaama keessa galchuun hojmaata isaanii jijjiiranii, ummata mul’ata biyyaalessaa irratti walitti qabuuf itti fufiinsaan hojjechuu akka isaan irraa eegamu hubachiisaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015